Tamsaasa Kallatti:

Bulchiinsa Dirree Dhawaatti hojiin misooma bishaan kuufamaa baatii Bonaa eegalame

Amajji 3/2018(ENA) - Bulchiinsa Dirree Dhawaa gandoota baadiyyaa 38 keessatti hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii baatii Bonaa guyyaa har'aa eegalameera.

Hojiin misooma kunuunsa bishaan kuufamaa har’a eegalamee fi ji’a tokkoof kan turu kilaastara baadiyyaa afran bulchiinsa kanaa keessatti misooma bishaan kuufamaa heektaara kuma 5 fi 550 kan uwwisu ta’uu beekameera.

Kantiibaan Bulchiinsa Dirree Dhawaa obbo Kadir Juhaarii fi Af-yaa'ii itti aantuun Mana Maree Bulchiinsichaa aadde Kaarimaa Alii jalqabsiisa bishaan kuufamaa Ganda Regee Kilaastara Baadiyyaa Asilissoo irratti argamaniiru.


 

Af-yaa’iin Mana Maree Bulchiinsa Dirree Dhawaa obbo Abdii Muktaar, itti aanaa Kantiibaa Bulchiinsaa Harbii Buhi, Bakka Bu’aan Mootummaa Olaanaa Mana Maree Bulchiinsa Dirree Dhawaa sadarkaa itti aanaa Kantiibaatti obbo Ibraahim Yuusuuf fi hoggantoonni olaanoo biroo kilaastaroota biroo irratti argamuun misooma bishaan kuufamaa eegalchiisaniiru.


 

‘’Misooma qindaa’aa bishaan kuufamaa baatii Bonaa, milkaa’ina ce’umsa qonnaaf’’ mata duree jedhuun  hojiin eegalame keessatti hojiiwwan adda addaa qabeenya biyyee fi bishaanii itti fufiinsaan eeguu fi misoomsuun akka raawwataman wayta sanatti ibsameera.

Hojii misooma bishaan kuufamaa kan baatii tokkoof turu kana irratti miseensonni hawaasaa kuma 37 fi 900 ol akka hirmaatan beekameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015