Tamsaasa Kallatti:

Godina Harargee Lixaatti bakkeewwan hawwata turizimii misoomaaf oolchuuf hojiin hojjetamaa jira.

Amajji 3/2018(ENA)- Godina Hararge Lixaatti bakkeewwan hawwata turizimii ta’an misoomaaf oolchuun kan dandeesisan hojiileen hojjetamaa jiraachuu Waajjirri Turirizimii Godinichaa beekasise.

Waajjirichatti dursaan garee misooma bakka turizimii obbo Saaniyoo Adam ENAtti akka himanitti, akka naannichaatti bakkeewwan hawwata turizimii keessaa kan filatame tokko haroo Carcar, holqa uumamaa fi hambaalee amantaa yoo ta’an hojiin beeksisuu bal’inaan hojjetamaa jira.

Hanga ammaatti bakkeewwan hawwata turizimii ijoo ta’an Godinichatti 50 ol adda baafamanii barreeffaman kaa’amuu eeruun, gara fuula duraatti misoomsuun qooda fudhattoota waliin yaaliin adeemsifamaa jiraachuu ibsaniiru.

Keessattuu sirna Gadaa keessatti iddoo olaanaa kan qabu naannoon sirni Ardaa Jilaa Odaa Bultumii fi haroo Carcar qindoominaan misoomsuuf sochiin jalqabamuu eeraniiru.

Sagantaan Ashaaraa Magariisaa haroon Carcar akka bayyanatu gargaaruun naannichattis baay’inni biqilootaa akka dabalu taasiseera jedhani. Kunis naannichi akka daawwatamuuf haala mijataa uumeera jedhani.

Haroo Carcaritti tajaajilli bidiruu ammayyaa akka eegaluuf abbootii qabeenyaa hirmaachisuuf tattaaffiin eegalamuu ibsaniiru.

Itti aanaan bulchaa aanaa Bookee obbo Mahaammad Zayiin Jamaal gama isaaniitiin, bu’uuraalee misoomaa naannoo masjiida durii kan umuriin isaa waggaa 400 ta’a jedhamee dubbatamuu fi Haroo Carcar misoomsuun turizimiidhaaf caalaatti akka mijataniif hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.

Akka fakkeenyaatti yeroo ammaa kanatti daandii guddicha irraa gara harichaatti kan geessu daandiin bajata birrii miliyoona 30 oliin sadarkaa olaanaan hojjetamaa akka jiru himaniiru.

Dargaggoonni naannichaa haricha eeguu fi kunuunsuun, qurxummii kiyyeessuun irraa fayyadamoo akka ta’aniif cuuciin qurxummii kuma 20 ol naannoo biroorraa fidamuun akka horsiifaman taasifamaa jira jedhani.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015