Walakkaa bara baajatichaatti bunni kuntaala miiliyoona 15.8 ol oomishameera - ENA Afaan Oromoo
Walakkaa bara baajatichaatti bunni kuntaala miiliyoona 15.8 ol oomishameera
Amajji 3/2018 (ENA)- Abbaan Taayitaa Bunaa fi Shaayii Itiyoophiyaa walakkaa bara baajataa kana keessatti bunni kuntaala miiliyoona 15.8 ol oomishamuu beeksise.
Hojii raawwachiisaa olaanaa Misooma Bunaa, Shaayii fi Mi’eessituu abbaa taayitichaa obbo Fiqaaduu Dafarraas ENAtti akka himanitti, bara bajataa kana keessatti lafti miiliyoona 2 fi kuma 462 fi 718 misooma bunaan uwwifameera.
Kana keessaa lafti bunaa yeroo ammaa oomisha kennu hektaara miiliyoona 1 fi kuma 537 fi 626 kan qonnaan bultootaa yoo ta’u, hektaarri kuma 143 fi 140 ammoo kan abbootii qabeenyaan oomishamaa jirudha jedhan.
Gama biraatiin lafti bara kana oomisha bunaan misoomaa jiru kan bara darbee waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu dhibbeentaa 20.7, waggoota jahan darbanii waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu immoo dhibbeentaa 211 caalmaa qabaachuu isaa mirkaneessaniiru.
Walakkaa bara baajataa darbeetti bunni kuntaala miiliyoona 15.8 ol oomishamuu eeruun; kana keessaa toonii miiliyoona 14.37 qonnaan bultootaan kan oomishaman yoo ta’u, kan hafe ammoo abbootii qabeenyaan kan oomishame ta’uu kan ibsaniiru.
Kunis waggoota jahan darbanii waliin yeroo madaalamu dachaa sadii ol akka caalu beeksiseera.
Oomishtummaa isaan walqabatee gaafa ilaalamu immoo abbootii qabeenyaan lafa hektaara tokko irraa kuntaa 9.9 kan oomishamu yoo ta’u, qonnaan bultootaan immoo kuntaala 9.4 kan oomishamu ta’uu beeksisaniiru.
Oomishtummaa fi itti fayyadama bunaa guddisuuf hojjetamaa jiraachuu eeruun, waggoottan torban darban keessatti biqiltuun bunaa dulloomaan hektaara kuma 862 ol haaromfamuu fi biqiltuun gara biiliyoona 9 dhaabamuu isaa ibsaniiru.
Hojii kunuunsa bunaa irratti raawwii fooyya’aa ta’een bu’aan jajjabeessaan galmaa’uu isaas ibsuun; qaamota dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan hojjetamaa akka jiru beeksiseera.
Haaluma kanaan ji’oota jahan darban qofa keessatti sanyii bunaa sadarkaa olaanaa qabu kuntaala 9,458, biqiltuun bunaa biiliyoona 3.15 fi biqiltuun bunaa diqaalomsame kuma 25 fayyadamtootaaf kennamuu isaa ibsaniiru.
Itti dabaluunis maasii bunaa keessatti to’annoo dhibee fi raammoo, ittisa dhukkuba hundee bunaa fi sanyii isaa, akkasumas hojiin to’annoo marga bunaa hojjetamaa turuu dubbataniiru.