Tamsaasa Kallatti:

Pirojeektiin Misoomni Qarqara Lagaa Magaalichatti ijaaramaa jiru yaadama misoomaa fi ijaarsaa haaraa dhugoomsedha – kantiibaa Adaanacha Abeebee

 

Amajjii 2/2018(ENA)- Pirojeektiin Misoomni Qarqara Lagaa Magaalaa Finfinneetti ijaaramaa jiru yaadama misoomaa fi ijaarsaa haaraa kan dhugoomse misooma fulla’aa kan mirkaneesse ta’uu kantiibaan Magaalaa Finfinnee Adaanacha Abeebee ibsan.

Pirojektichi qabeenya uumamaa eeguun Miidhaginaa fi sadarkaa magaalichaa guddisuuf qooda olaanaa qabaachuu eeraniiru.

Kantiibaa Adaanachi Pirojektoota qarqara lagaatti ijaaramaa jiran keessaa adeemsa ijaarsa hojiin misoomaa Qabbanaa fi Ginfillee irra jiru qorataniiru. 


 

Pirojektichi lagichaa fi daangaasaa soda jalaa baasuun magaala fooyyoftee fi haala teessumaan kan miidhagde ashaaraa dhaloota har’aati jedhaniiru.

Pirojektoonni kunneen Haala teessuma Magaalaa Finfinnee hanga dhumaatti akka eegu taasisuurra darbee egeree fedhii magaalittii kan gidduu galeeffatan, Misoomawwan dabalataa kan hammatan ta’uu beeksisaniiru.


 

Misoomni qarqara lagaa ammaan dura kan hin xiyyeeffatamiin ture yeroo ammaa bakka daawwanaa namoota hedduu fi gidduugala kenna tajaajilaa mijataa ta’anii misoomuu isaanii ibsaniiru.

Misoomsitootaa fi dureeyyiiwwan bakkeewan misooman kana akka itti fayyadaman waamicha dhiheessaniiru.

Magaalaa Finfinneefis ta’e biyyaaf Haaraa kan turee fi fakkeenyaas kan ta’u hojiin misooma qarqara lagaa Magaalittii bu’uura cimaarra kaa’uuf magaalittii akka maqaashee miidhagsuuf kan deeggaru ta’uu beeksisaniiru.

Ijaarsi pirojektii Misooma qarqara lagaa lageen gurguddoo magaalaa Finfinnee 8 kan hammatee fi km 8 kan dheeratu xumuramaa jiraachuu Kantiibaa Adaanach ibsaniiru.

Hoggantoota ijaarsicha qindeessaa jiran, hojjettoota ijaarsicha keessatti hirmaachaa jiran, akkasumas jiraattota magaalichaa deeggarsa tassisaa jiran galateeffataniiru.


 

Pirojektoota Misoomaa qarqara lagaa magaalittiitti ijaaramaa jiran 8 keessaa tokko kan ta’e lagni Qabbanaa, Ginfillee fi paarkii piikook qindeeessaa kan jiran Itti Gaafatamaan Paartii Badhaadhinaa damee magaalaa Finfinnee Mogos Baalchaa, Gaaraa Inxooxoorraa ka’ee magaalittii keessa qaxxaamuree kan darbu misoomni qarqara laga Qabbanaa xumuramaa jiru eegumsa bishaaniirra darbee tajaajila biroo kennuun galii argamsiisuuf kan gargaaran ta’uu ibsaniiru.


 

Missoomni Qarqara lagaa Magaalaa Finfinnee kan darbe nama gabbisiisu, kan boruu kan nama hawwisiisu hawwii gaariidha jedhaniiru.

Lagni magaalaa Finfinnee namoota qarqara lagaa jiraataa turanii f yaaddoo taa’aa kan ture ta’uu hogganaan kun ibsaniiru.

Yeroo ammaa qarqarri lagaa misoome jireenya abdachiisaa uumeera jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015