Tamsaasa Kallatti:

Qabeenyaa dilbii Naannoo Oromiyaa jiru humna ida’ameen misoomsuun gargaaramuurraa gara misoomaatti ce’uuf tattaaffiin taassifamu bu’aa argamsiisaa jira

Amajjii 2/2018(ENA)-Qabeenya dilbii Naannoo Oromiyaa jiru humna ida’ameen misoomsuun gargaaramuurraa gara omishtummaati ce’uuf tattaaffiin taassifamu bu’aa argamsiisaa jiraachuu Biiroon Komunikeeshinii Naannichaa beeksise.

Itiyoophiyaatti nyaataan of danda’uu fi Hiyyummaa keessaa bahuun, gargaaramuurraa gara omishtummaatti ce’uuf sochii qabatamaan taassifamaa jiraachuun ni beekama.

Bu’uruma Kanaan Naannooleen humna misoomaa qabaniin gara misoomaatti akka galan taasifamuun hanga ammaatti naannooleen deebii yeroo balaa tasaa deebisuuf humna uummachuu danda’aniiru.

Naannoolee kana keessaa Haala sochii Naannoon Oromiyaa ilaalchisee ENA’n Afaan Oromoo Hogganaa Biiroo Komunikeeshinii Naannichaa Haayiluu Addunyaa dubbiseera.

Obbo Haayiluun ibsasaaniin, Qabeenya dilbii Naannoo Oromiyaa jiru humna ida’ameen Misoomsuun gargaaramuurraa gara omishtummaatti ce’umsi taassifamu bu’aa argamsiisaa jiraachuu ibsaniiru.

Mootummaan naannichaa tajaajila tola ooltummaa guutummaan hojiirra oolchuu, Buusaa Gonofaa Cimsuu , Mana Murtii Aadaa hojiirra oolchuu fi caasaa “Gaachana Sirnaan” ummanni nageenyaa fi tasgabbiisaa akka eeggatu tassifameera jedhaniiru.

Keessummaa Aadaa walgargaarsaa Oromoo Sirna Gadaarraa Madde Buusaa Gonofaa hojiirra oolchuun humna ofiin rakkoowwan dandamachuun xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jiraachuu hubachiisaniiru.

Bu’uuruma Kanaan balaawwan nam-tolchee fi Uumamaa waggoottan muraasa darban mudatanii turan humna ofiin dandamachuuf tattaaffiin taassifamuu ibsaniiru.

Sirna Walgargaarsaa Buusaa Gonofaa qofa osoo hin ta’iin bu’uura kallattii mootummaan kaa’een imala ce’umsa gargaaramuurraa gara omishtummaatti taassifamu gumaacha guddaa gumaachaa jiraachuu ibsaniiru.

Kanaanis naannicha lakkoofsi lammiilee deeggarsa Hawaasummaa barbaadanii yerooraa gara yerootti hir’achaa dhufuu ibsaniiru.

Humna ofiin Deebii yeroo balaa tasaa kennuuf gama Buusaa Gonofaan bara omishaa 2017/18 lafa hektaara kuma 26 ol midhaan adda addaan misoomee omishni walitti qabamaa jira jedhaniiru.

Haluma wal fakkaatuun naannichatti hojiiwwan misoomaa hojjetamaa jiran cinaatti hawaasni tajaajila tola ooltummaarratti akka hirmaatu gochuun bu’aa guddaan galmaa’aa jiraachuu dubbataniiru.

Tajaajilli tola ooltummaa Sagantaa dhaabbii Ashaaraa magariisaaraa eegalee wal gargaaruun tajaajila hawaasummaarratti hirmaachuurratti hojiiwwan bu’aa qabeessi hojjetamuu ibsaniiru.

Haaluma Kanaan bara 2012 urraa eegalee hanga ammaatti Manneen Barnootaa Idileen duraa ‘Bu’uura Boruu” hirmaannaa Hawaasaan Ijaaramaniiru jedhaniiru.

Dabalataanis Mana Jireenya Barsiisotaa Baadiyaa kuma 59 ol ijaaramuu eeruun, hawaasicha hirmaataa misoomaa taassisuuf hojiiwwan hojjetamaniin muuxannoon guddaan kan irraa fudhatame ta’uu hubachiisaniiru.

Gama biroon uumatichi Duudhaa Aadaasaan saffisaa haqa argachuun yeroosaa misoomarra akka oolchu Manni Murtii Aadaa hanga Gandaatti diriiree bu’aa qabatamaa fidaa jiraachu dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015