Hidhi Haaromsa Itiyoophiyaa Guddichi Tumsa riijinii fi walitti hidhaminsa Aanniisaaf qooda olaanaa gumaachaa jira - ENA Afaan Oromoo
Hidhi Haaromsa Itiyoophiyaa Guddichi Tumsa riijinii fi walitti hidhaminsa Aanniisaaf qooda olaanaa gumaachaa jira
Amajjii 2/2018(ENA)- Hidhi haaromsa Itiyoophiyaa Guddichi mu’listuu humna ofiin Pirojektii guddaa ijaaruu dandaa’uu ta’uurra darbee tumsa riijinii fi walitti hidhaminsa Aannisaaf qooda olaanaa gumaachaa jiraachuu Miseensonni mana maree bakka bu’oota ummataa ibsan.
Hidhi haaromsa Guddichi Itiyoophiyaa Irree Itiyoophiyaanotaa Gamtoomee fi Miira ni danda’amaan dhugoomuunsaa ni yaadatama.
Kunis Itiyoophiyaan ofirra darbitee biyyota ollaa dabalatee dhiheessii Aannisaan qaqqabsiisuun tokkummaa fi walitti hidhaminsa Afriikaaf qooda qabdu guddisuurratti hirmaannaa olaanaa qaba.
Mana Maree Baka Bu’oota Ummataatti Itti Aanaan Dura taa’aan Koree dhaabbataa dhimmoota Bishaanii, Jallisii fi Naannoowwan Gammoojjii fi miseensa paarlaamaa Paan Afriikaa Doktar Awwaqee Amzaayee turtii ENA waliin taasisaaniin akka ibsanitti , ijnifannoon Itiyoophiyaanonni Duula Adwaarratti tokkummaan galmeessan fakkeenya ummata gurrachaa hundaa kan ta’ee fi bittaa koloneeffataa keessaa akka bahaniif qooda olaanaa kan gumaache ta’uu yaadataniiru.
Hidhi haaromsa Itiyoophiyaa guddichi akkuma Adwaa Itiyoophiyaanonni tokkummaa fi waloomni kan keessatti mul’ate ta’uurra darbee, pirjektoota gurguddoo humna ofiin dhugoomsuun akka danda’amu kan argisiisee fi biyyoota Afriikaatti abdii kan horedha jedhaniiru.
Hidhichi Itiyoophiyaanota qofaaf osoo hin ta’iin biyyoota Afriikaa biroo dabalatee humna Aannisaan walitti hidhuun Itiyoophiyaan tokummaa fi walooma Afriikaaf gidduugala tumsaa murteessaa taasisuu ibsaniiru.
Mana Maree Bakka Bu’oota ummataatti Miseensa Koree dhaabbattoo Qunnamtii Alaa fi Dhimma Nageenyaa Ambaasaaddar Doktar Yashii Mabraatuu gamasaaniin, Hidhi Haaromsaa bu’aa tokkummaa fi walooma Itiyophiyaanotaati jedhaniiru.
Hidhi Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa qabeenya biyyaa misoomaaf oolchuun kan danda’ame ta’uu dabalanii ibsaniiru.
Tokkummaa fi waloomaan waan dinqii hojjechuu akka dandeenyu hidhi haaromsaa barumsa guddaa kan kennu waan ta’eef tumsa keenya cimsuu qabna jechuun hubachiisaniiru.