Buufanni Xiyyaaraa Idil addunyaa Bishooftuu seenaa Afriikaa keessatti pirojektii bu’ura misoomaa geejjiba qilleensaa isa guddaa ni ta’a-Ministira muummee doktar Abiyyi Ahimad - ENA Afaan Oromoo
Buufanni Xiyyaaraa Idil addunyaa Bishooftuu seenaa Afriikaa keessatti pirojektii bu’ura misoomaa geejjiba qilleensaa isa guddaa ni ta’a-Ministira muummee doktar Abiyyi Ahimad
Amajjii 2/2018(ENA)- Buufanni Xiyyaaraa Idil addunyaa Bishooftuu seenaa Afriikaa keessatti pirojektii bu’ura misoomaa geejjiba qilleensaa isa guddaa ni ta’a- jechuun ibsan Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad.
Guddina ariifataa geejjiba qilleensaa Itiyoophiyaa fi walitti hidhamiinsa idil addunyaa daandii qilleensa Itiyoophiyaa bal’achaa dhufe fulla’aa gochuuf imaltoota miiliyoona 25 ta’an waggaatti sadarkaa keessummeessuurra kan ga’e buufata xiyyaaraa idil addunyaa Booleetiin dabalatatti buufata meeggaa ta’e haaraan misoomaa akka jiru ergaa fuula iidiyaa hawaasummaasaaniirratti barreessaniin ibsaniiru.
Tarsiimoon buufataalee xiyyaaraa garagaraa ijaaruu kun Itiyoophiyaan Afriikaarraa ulaa geejjiba qilleensaa adda duree gochuuf kan kaayyeffatedha jedhaniiru.
Buufanni Xiyyaaraa idil addunyaa Bishooftuu seenaa Afriikaa keessatti pirojektii bu’ura misoomaa gejjiba qiilleensaa isa guddicha ni ta’a jchuun iibsaniiru.
Kun ammoo Pirojektiin kun riifoormii dinagdee biyyaalessaa Itiyoophiyaa, ajandaa Industirii babal’isuu fi tarsiimoo Aviyeeshinii bara dheeraa waliin kan wal sime ta’ii ibsaniiru.
Pirojektiin kun dandeettii dorgommii daandii qilleensaa Itiyoophiyaa ni cimsa, Hammattoo AfCFTA’tiin dandeettii wal quunnamsiisuu Afriikaa ni dabala,. Kooriidaroota daldalaa fi Tuurizimii ni bal’isa jedhan ministirri muummee.
Kibba baha Finfinneerraa km. 40 irratti kan argamtuu fi ol ka’insa 1910 kan qabdu Bishooftuun hojii Xiyyaaraaf bakka mijataa kan qabdu yoo ta’u, ga’umsisaanii Itiyoophiyaa kan ta’aniifis ta’e imaltoota darbanii deemaniifs wantoota gahaa ta’an qabdi jedhaniiru.
Hojiin buufata xiyyaaraa boqonnaa jalqabaa waggaatti imaltoota miiliyoona 60 kan keessummeessu yoo ta’u yeroo xumurame Afriikaa buufataalee xiyyaaraa geejjiba qilleensaa addunyaarraa adda duree ta’an keessaa tokko kan ishee taasisu imaltoota miiliyoona 110 waggaatti geejjibsiisuu akka danda’u eeraniiru.