Tamsaasa Kallatti:

Balalliin Xiyyaaraa gara Booranaatti taassifamu dabaluun lakkoofsa daawwattootaa guddiseera

Amajjii 2/2018(ENA)-Balalliin Xiyyaaraa gara Booranaatti eegaluunii fi lakkoofsi balallii yeroo gara yerootti dabaluun baay’inni daawwattoota paarkii Biyyoolessaa Booranaa daawwatan akka guddatu taasisuun ibsame.

Waardiin Paarkii Biyyoolessaa Booranaa Nugusee Waataa ENA’f akka ibsanitti, Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa gara Booranaatti Balali’uun gaaffii bu’uuraa Hawaasaa deebisuun cinaatti baay’inni Tuuristootaa akka dabalu gochuusaa kaasaniiru.

Daandiin Qilleensichi Balallii gara Booranaatti taasisu yeroo ammaa torbanitti gara 4tti guddachuu ibsaniiru.

Kunis baay’ina Tuuristootaa gara naannichaatti imalan akka guddatu taasisuu mirkaneessaniiru.

Geejibni Qilleensaa mijataa fi si’ataa ta’uusaan yeroosaanii akka isaaniif qusate Tuuristoonni dubbataniiru.


 

Fakkeenyaaf yeroo Balallii eegalee asitti Tuuristoota kuma 2ol keessummeessuusa ibsaniiru.

Paarkichi Daawwattootaaf mijataa taasisuuf hojjetamaa jiraachuun ibsuun, yeroo gabaabaa keessatti bakka gahumsaa hedduuwwanii ta’uu eeraniiru.

Lakkoofsa daawwattootaa Abdachiisaan argame gara fuulduraatti abdii guddaa akka qabu agarsiistuudha jedhaniiru.

Damee Tuurizimiin bu’aa olaanaa galmeessuuf paarkichi qooda mataasaa gumaachaa kan jedhan obbo Nuguseen kanaafis qaamolee dhimmi ilaallatu waliin hojjechaa jirra jedhaniiru.


 

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015