Naannichatti lafa Asiidummaa Biyyeen miidhame Xaa’oo uumamaa fi Nooraan wal’aanuun gara omishaatti galchuuf xiyyeeffannoon kennameera - ENA Afaan Oromoo
Naannichatti lafa Asiidummaa Biyyeen miidhame Xaa’oo uumamaa fi Nooraan wal’aanuun gara omishaatti galchuuf xiyyeeffannoon kennameera
Amajjii1/2018 (ENA)-Naannoo Oromiyaatti lafa Asiidummaa Biyyeen miidhame Xaa’oo uumamaa fi Nooraan wal’aanuun gara omishaatti galchuuf xiyyeeffannoon kennamuu Biiroon Qonnaa Naannichaa ibse.
Biirichatti Daarektarri fooyya’insa gabbina biyyee Isheetuu Laggasaa ENA’f akka himanitti omishaa fi omishtummaa Qonnaan bultootaa guddisuuf gabbina biyyee fi fayyummaasaa eeguuf xiyyeeffannoon kennameera.
Keessumaa Lafa Asiidiin miidhame xaa’oo uumamaa fi Nooraan wal’aanuuf qonnaan bulaaf hubannaa uumuu fi deeggarsi ogummaa taassifamaa jira jedhaniiru.
Naannichatti lafti hektaarri miiliyoona 2 tuqaa 3 Asiidummaa biyyeef saaxilamuu ibsuun rakkicha furuuf laficha xaa’oo uumamaa fi Nooraan wal’aanuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Xaa’oon uumamaa kun Kompoositii fi varmii kompoositiin akkasumas baayoogaaziin, hafteewwan omishaa fayyadamuun qophaa’aa jirachuu dubbataniiru.
Bara baajatichaatti adeemsa hanga ammaan meetirkiyuubikii 100 ol Xaa’oon uumamaa qophaa’ee tajaajilarra oolaa jira jedhaniiru.
Dhiheessii nooraa guddisuuf Waarshaa Nooraa Gudaritti baabura lama guyyaatti kuntaala