Godinichatti Misoomni Dammaatooniin kuma 12 fi 600 ol gabaaf dhihaateera - ENA Afaan Oromoo
Godinichatti Misoomni Dammaatooniin kuma 12 fi 600 ol gabaaf dhihaateera
Amajjii1/2018(ENA)- Godina Walagga Bahaatti bara baajatichaatti Omishni Dammaa tooniin kuma 12 fi 674 gabaaf akka dhihaatu waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksise.
Naannoo Oromiyaatti Innisheetifoota misoomaa haaraa bocamanii hojjetamaa jiran keessaa misoomni Dammaa tokko dha.
Godinni Wallaga Bahaa Godinoota misooma dammaaf mijatoo jedhaman keessaa tokko dha.
Waajjira Qonnaa Godinichaatti Itti Gaafatamaan kutaa kunuunsaa fi misooma Beelladaa Addisuu Duubee haala Qilleensaa mijataa fi Qabeenya bosonaa fayyadamuun hanga misooma dammaa guddisuuf hojjetamaa jira jedhaniiru.
Bara baajataa qabametti damma toonii kuma12 fi674 gabaaf dhiheessuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu kaasuun,hanga ammaatti tooniin kuma 8 ol gabaaf dhihaachuu ibsaniiru.
Karoora qabame miilkeessuuf Gaagura Ammayyaa qonnaan bulaaf bal’inaan dhiheessaa jiraachuu ibsaniiru.
Bara baajataa qabame kanatti qofa gaagura ammayyaa kuma 2 fi 500n qonnaan bulaaf kan dhihaatan yoo ta’an walii gala gaagura cehumsaa kuma 38 fi 147 fi gaagura Aadaa kuma 84 fi 961 hojiin horsiisa kaannisaa hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Godinichatti qonnaan bultoonni kuma26 ol hojii misooma kaannisaarratti bobba’uusaanii ibsuun, omishtoonni damma biroon Godinichatti Aanaa Diggaatti akka argaman ibsaniiru.
Itti gaafatamaan waajjira Qonnaa Aanaa Diggaa Obbo Yisihaaq Addisuu , Aanichatti gaagura ammayyaa kuma22 fi 500n hojiin kaannisa horsiisuu ammayyaa hojjetamaa jirachuu ibsaniiru.
Barabaajatichaatti baatiiwwan6n darbanitti,dammi tooniin820 omishamee gabaaf dhihaachuu ibsuun , Aanichatti Qonnaan bultoonni kuma 13 fi 760 hojii horsiisa kaannisaarratti bobba’anii jiraachuusaanii ibsaniiru.
Qonnaan bultoota Aanichaa waldaan gurmaa’uun Damma Omishan keessaa MaammooUummataa fi hiriyoonnisaa torba gaagura ammayyaa 50n hojii horsiisa kaannisaa hojjechaa jiru.
Waggoottan darban dammi kiiloogiraamiin 120 gabaaf dhiheessuu sanii ibsuun bara kana damma kg 200 gabaaf dhiheessuuf qophaa’aa jiraachuu ibsaniiru.
Jiraataan Aanichaa biroon obbo Biraanuu Hinkoo, Gaagura ammayya 7 qabaniin hojii kaannisa horsiisuu hojjechaa kan jiran yoo ta’an bara kana damma kg 40 gabaaf dhiheessuusanii dubbataniiru.