Tamsaasa Kallatti:

Abbootii qabeenyaa Haroo namtolchee Nigaatitti misooma invastimantii turizimii irratti hirmaataniif roodmaappiin misoomaa mijataan qophaa’eera

Amajji 01/2018(ENA)- Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaatti abbootii qabeenyaa Haroo namtolchee Nigaatitti misooma invastimantii turizimii irratti hirmaataniif roodmaappiin misoomaa mijataan qophaa’uu Ministirri Turizimii ibse.

Mootummaan jijjiiramaa turizimii dameelee utubaa diinagdee shanan keessaa tokko taasisee fudhachuun kunuunsaa fi eegumsa hambaaleef, haaromsaa fi misooma bakkeewwan haaraa hawwata turizimii irratti xiyyeeffachuun isaa dameen kun akka bayyanatu taasiseera.

Deetaan Ministira Turizimii Silashii Girmaa ENAtti akka himanitti, Itiyoophiyaan bakkeewwan hawata turizimii qalbii namaa hawatu, amantaa, aadaa fi uumamaan kan badhaate ta’uu ibsaniiru.


 

Yeroo dhiyoo as bakkeewwan hawata turizimii kanneen misoomsuun diingdeen gama kanaan jiru akka guddatu ta’eera jedhan.

Hoggansa Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimadiin kan ijaaraman iddoowwan hawata turizimii ta’an daawwattootaaf haala mijataa uumuun dorgomtummaa turizimii haalaan dabalaa akka jiran ibsaniiru.

Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaatti Haroo Nigaatitti invastimantii turizimii, misooma qurxummii, geejjibaa bishaanii fi hawata turizimii biroo guddisuuf roodmaappiin qophaa’uus ibsaniiru.


 

Kanaafis hirmaannaa invastimantii turizimii Haroo Nigaat damee dhuunfaa guddisuuf qooda fudhattoota, mootummaa federaalaa fi bulchiinsa mootummaa naannoo Benishaangul Gumuuz waliin ta’uun hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Abbootii qabeenyaa turizimii Haroo Nigaat irratti hirmaataniif ijaarsi meeshaalee, konkolaataanii fi meeshaaleen biroo tajaajila qaraxarraa bilisa ta’e akka argatan haalli mijachuu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015