Tamsaasa Kallatti:

Gurmaa’insi Gandaa Haaraan jiraattonni Tajaajila Mootummaa dhiheenyatti akka argataniif  haala mijataa uumeera

Amajjii1/2018(ENA)-Naannoo Oromiyaatti Gurmaa’insi gandaa hojiirra oole tajaajila mootummaa  dhiheenyatti akka argataniif  haala mijataa uumuu  Godina Baaleetti  Jiraattonni Aanaa Harannaa Bulluq  ibsan.

Bulchaan Godinichaa gamasaaniin gurmaa’insigandoota189tti hundeeffaman jiraattotaaf tajaajila dhiheenyatti kennuurra darbee yeroo fi baasii qusachuun hojiiwwan misoomaarratti akka xiyyeeffatan tasisuu ibsaniiru.

Jiraattota Aanaa Harannaa Bulluq Ganda Qumbii keessaa obbo Hasan Ahimad, gurmaa’insichi  tajaajila mijataa fi si’ataa dhiheenyatti akka  argannu nu taassiseera jedhaniiru.

Ammaandura tajaajila mootummaa argachuuf  gara Aanaa fi Bulchiinsa magaalaatti deddeebbiin taassifnu  yeroo kan fixuu fi dadhabbii kan qabu akka ture ibsuun ‘’Gurmaa’insi Gandaa Haaraan  kana salphisuun  fayyadamuu nu taassiseera”  jedhaniiru.

Tajaajilamaa biroon Obbo Ahimad Mahaammad akka jedhanitti gurmaa’insi gandaa  hirmaannaa misoomaa  hawaasichaa guddisuun   rakkoowwan bu’uuraalee misoomaa  ammaan  dura turan   hirmaannaa uummataan akka furamaniif carraa kenneera.

  Yeroo gabaabaa keessatti hawaasa hirmaachisuun hojiiwwaqn misoomaa hojjetaman keessaa  Riqichaa fi Daree Barnootaa dabalataa akka fakkeenyaatti kaasaniiru.

Bulchaan Aanaa Harannaa Bulluq Obbo Ibiraahim Hasan gamasaaniin gurmaa’oinsi haaraan  gaaffiiwan misoomaa fi Bulciinsa gaarii  Uummata Aanichaa  yeroo dhihootti deebisuuf  kan deeggaru ta’uu  dubbataniiru.

Bakkabu’aanBulchaaGodina Baalee ObboBiraanuu Arfaasaa gamasaaniin gandoota189 godinichatti argamanittigurmaa’insi  hundeeffamanii   gara hojiitti galuusaanii  dubbataniiru.

Gurmaa’insa gandaa kanatti hoggantonni ramadamaniiHawaasa dhiheenyatti akka tajaajila taassifamuu ibsaniiru.

Gurmaa’insi gandaa  komiiwwan  ammaan dura  Godinaa fi aanaatti  dhufaa ture hir’isuu  itti quufinsa uummataa  dabalaa dhufeera.

   Hoggantoonnii fi ogeessonni  hawaasicha haala fooya’een akka tajaajilaniif leenjiin ijaarsa dandeettii fi  deeggarsaa fi hordoffiin taassifamaa jiraachuu   ibsaniiru.

Naannoo Oromiyaatti kenna tajaajilaa fooyyessuu fi rakkoo Bulchiinsa gaarii  dhiheenyatti hiikuuf  gurmaa’insi haaraan Ganda hojiirra ooluun ni  yaadatama.

Gurmaa’insi kun hawaasni  misoomaan fayyadamaa akka ta’uu fi  gaaffiiwwan bulchiinsa gaarii   hirmaannaa hawaasaan deebii akkaa  argatan taassifamuu  ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015