Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaatti du’a haadholii fi daa’immanii hir’isuuf tarkaanfiiwwan imaammataa fudhataman bu’aa qabatamaa argamsiiseera.

Amajji 1/2018 (ENA): Du’a haadholii fi daa’immanii hir’isuuf waggoota darban keessa Itiyoophiyaatti tarkaanfiiwwan imaammataa fudhataman bu’aa qabatamaa argamsiiseera jedhan Ministirri Ministeera Fayyaa doktar Maqdas Dhaabaa.

Ministirri kun baatii Amajjii keessaa kan kabajamu “Baatii Haadhumma Fayyaalessaa” ilaalchisuun ibsa kennaniiru.

Ibsa isaanii kanaan waggoota darbanitti rakkoo fayyaa fi du’a da’umsaan walqabatee dhufu hir’isuuf tattaaffii taasifameen lakkoofsi haadholii dhaabbilee fayyaa keessatti da’an dabaluu isaa ibsaniiru.

Dhaabbilee fayyaa keessatti tajaajilli baqaqsanii hodhuu hojiirra ooluu isaatiin jijjiirama akka fide eeruun, qaqqabummaan dhaabbilee fayyaa babal’achuun kunuunsi dahumsa duraa akka dabalu taasifameera.

Dhiiga da'umsa booda dhagala’uun rakkoo hamaaf haadholii saaxilu to’achuuf namoonnii fedhii isaaniin akka dhiiga arjooman taasisuun dabalaa jira. Hojiin hanga ammaatti hojjetame jajjabeessa ta’uu eeruun, gara fuula duraattis cimee itti fufa jedhani.

Kanaaf kalaqnii fi faayinaansiin itti fufinsa qabu murteessaa ta’uu ibsuun, qaqqabamummaa odeeffannoo fayyaa dijitaalaa babal’isuu, meeshaalee yaalaa guutuu fi tajaajila baqaqsanii hodhuu babal’isuuf qooda fudhattoota waliin ta’uun akka hojjetan mirkaneessaniiru.

Barana guyyaan Haadhummaa Fayyaalessaa akka idil addunyaatti yeroo 39ffaa akka biyyaatti immoo yeroo 20ffaaf  mata duree "Kalaqaa fi faayinaansii itti fufinsa qabu Fayyaa Haadhummaaf " kan jedhuun sagantaalee hubannoo uumuu adda addaatiin kabajama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015