Godina Shawaa Bahaatti hojiin misooma suluulaa Qindaa’aan namoota kuma 400 ol hirmaachisu ni gaggeeffama - ENA Afaan Oromoo
Godina Shawaa Bahaatti hojiin misooma suluulaa Qindaa’aan namoota kuma 400 ol hirmaachisu ni gaggeeffama
Amajjii 1/2018 (ENA)-Naannoo Oromiyaa GodinaShawaa Bahaatti hojiin misooma suluulaa Qindaa’aan namoota kuma 400 ol hirmaachisu akka gaggeeffamu Waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksise.
Waggoottan darban hojiin eegumsa Biyyee fi Bishaanii Hirmaanaa Hawaasaan hojjetaman qabeenya uumamaa eeguudhaan bishaan lafarraa fi lafa jalaa akka dagaagan taassiseera.
Baranas hojii kana godinichatti itti fufuun Sululawwan manca’an deebisanii misoomsuun gabbina biyyee fi dhiibbaa jijjiirama haala Qilleensaa dandamachuuf kan deeggaranidha.
Itti Aanaan Waajjira Qonnaa Godina Shawaa bahaa Obbo Abinnat Zagayyee ENA’f akka ibsanitti hojiiwwan eegumsa biyyee fi biashaanii waggaa waggaan gaggeeffamaniin jijiiramni qabatamaan argamaniiru.
Godinichatti hojicha itti fufsiisuuf hojiin misooma suluulaa qindaa’aan namoota kuma 421 fi 651 hirmaachisu gaggeessuuf qophiin taasifamuu beeksisaniiru.
Kanaanis sululawwan 270 giddu galeeffachuun lafti hektaaraa kuma 119 fi 495 akka misoomu dubbataniiru.
Sochii Kanaan hojiin eegumsa biyyee hojjechuun lafti miidhaman akka bayyanatan xiyyeeffannoon kennamuu ibsaniiru.
Kunis mancaatii lafaan miidhaa gahuu hir’isuu fi omishtummaa lafaa guddisuuf akka dandeessisu eeraniiru.
Akkasumas lafa rakkoo nam-tolchee fi uumamaan miidhaman namaa fi belladarraa ittisuun deebi’ee akka bayyanatu gochuuf hojjetama jedhaniiru.
Karoora bara kanaa fiixaan baasuuf sadarkaa sadarkaan qindoominaan hojjechuu fi bu’aan deeggaruun akka barbaachisu eeruun misoomni sululaa Qindaa’aan guyyoota 30f akka gaggeeffamu dubbataniiru.