Tamsaasa Kallatti:

Abbummaa ulaa galaanaa Itiyoophiyaa mirkaneessuun hojii manee murteessaa dhalootaati

Amajji 1/2018(ENA) – Abbummaa ulaa galaanaa amansiisaa fi guddina dinagdee Itiyoophiyaaf shoora olaanaa qabu mirkaneessuun dhaloota ammaa kanaaf hojii manee murteessaa ta’uu hayyoonni ENAn dubbise ibsan.

Itiyoophiyaan buufata galaanaa matashee qabdu turte maal na dhibeedhaan warri uummata bakka buune jedhan kan shiraan dhabsiisan waan ta’eef dogongora ta’uu ibsaniiru.

Itiyoophiyaan kanaan dura buufata galaanaa mataashee qabdu turte shira irratti hojjetameen dhabuun ishee immoo biyyoota biroo irratti akka hirkattu ishee dirqisiiseera; kuni immoo guddina diinagdee fi birmadummaa ishee irratti dhiibbaa olaanaa geessiseera.


 

Biyyoonni adda addaa, hayyoonni seenaa, hayyoonnii biroo fi uummanni gaaffii abbummaa buufata galaanaa Itiyoophiyaa akka dhimma tarsiimoo hubannoo fi haqa qabeessa ta’een dantaa biyyaalessaa kabachiisuuf kaasaniiru.

Qorataan seenaa piroofeesar Adam Kamiil ENA waliin turtii taasisaniin akka jedhanitti, qaroominni Itiyoophiyaa galaana Diimaa fi laga Naayil waliin hariiroo cimaa qaba.


 

Itiyoophiyaan buufata galaanaa ishee irraa diinota keessaa fi alaan shira irratti dalagameen buufata ishee amansiisaa ta’e irraa qollifamte jedhan.

Kanaanis waggoottan kurnan sadan darban diinagdeen, hawaasummaanii fi siyaasaan gatii guddaa akka kaffaltu dirqamteett jedhan.

Kanaafuu Itiyoophiyaan buufata galaanaa isheetti akka deebituuf dhaloonni ammaa hojii manee guddaa qabaan ibsan.

Ministeera Geejjibaa fi Loojistikiitti qorataan imaammataa fi tarsiimoo doktar Tamasgeen Waalelinyi akka jedhanitti, Itiyoophiyaan buufata galaanaa dhabuun sochii loojistiksii irratti dhiibbaa guddaa uumeera.

Itiyoophiyaan maallaqa kiraa buufata doonii fi geejjibaa irratti baastu dabalatee, al-ergii fi galtee ishee irratti miidhaa guddaa geessisuun dorgomtummaa daldala idil-addunyaa ishee hir’isaa akka jiru ibsaniiru.

Gaaffiin abbummaa ulaa galaanaa mirkaneessuuf dhiyaate cabinsa dinagdee damee loojistiksii itti fufinsaan kan suphu dippiloomaasii murteessaa ta’uu dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015