Itiyoophiyaan buna sona itti dabaltee gabaa addunyaatti erguun galii sharafa alaa ishee guddisuuf hojjechaa jirti - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan buna sona itti dabaltee gabaa addunyaatti erguun galii sharafa alaa ishee guddisuuf hojjechaa jirti
Amajji 1/2018 (ENA)-Itiyoophiyaan buna sona itti dabaluun gabaa addunyaatti erguun galii sharafa alaa ishee haalaan guddisuuf cimtee hojjechaa akka jirtu Abbaan Taayitaa Bunaa fi Shaayii Itiyoophiyaa beeksise.
Itiyoophiyaan biyya argama bunaa fi Afrikaa keessaa oomisha bunaan adda duree kan taate yoo taatu, buna sona itti dabaluun gabaa biyya alaatti erguuf hojiin eegalame galii damichaa sadarkaa olaanaatti kan ceesisu ta’uu ibsameera.
Bara baajataa darbe keessa Itiyoophiyaan buna toonii kuma 470 gara gabaa alaatti erguun doolaara biiliyoona 2 tuqaa 6 argatteetti.
Daarektarri olaanaa abbaa taayitichaa doktar Addunyaa Dabalaa ENAtti akka himanitti, waggoota muraasa darbanitti xiyyeeffannaan addaa damichaaf kennameen roodmaappiin tarsiimoo bunaa waggaa 15nii qophaa’ee hojiirra ooleera jedhan.
Rakkoolee caasaa damichaa adda baasuun, oomishaa fi oomishtummaa guddisuu, carraa gabaa babal’isuuf hojiin bu’a qabeessa ta’e hojjetamuusaa ibsaniiru.
Muka bunaa dullooman oomishtummaan isaanii gadi aanaa ture gamashuun oomishtummaa gama kanaan jiru guddisuuf hojiin hojjetame bu’aa olaanaa galmeessiseera jedhan.
Deeggarsa sagantaa Ashaaraa Magariisaa biyyoolessaatiin biqiltuuwwan bunaa haaraan bal’inaan akka dhaabaman eeraniiru.
Gabaa idil-addunyaa keessatti dorgomaa ta’uuf baay’ina oomishaa qofa osoo hin taane qulqullinni barbaachisaa ta’uu kan hubachiisan yoo ta’u, bunni qulqullina olaanaan akka oomishamuuf hordoffiin cimaan taasifamaa akka jirus ibsaniiru.
Oomishtummaa dabaluu cinaatti, cancala gabaa gabaabsuun akka xiyyeeffannoo ijootti hojjetamaa akka jiru hubachiisaniiru, kanaanis jijjiiramni argamaa jiraachuu ibsaniiru.
Sirna gabaa kanaan dura rakkisaa ture imaammataan gabaabsuun hamma oomisha qisaasamaa hir’isuun dhiibbaa hamaa qulqullina irratti uumamaa ture dhabamsiisuun akka danda’ames eeraniiru.
Itiyoophiyaan kanaan dura buna callaa qofa gabaa addunyaatti erguun bu’aa hamma barbaadamu irraa argachaa kan hin turre ta’uu eeruun, wayita ammaa garuu qajeelfamni bahee bunni sonni itti dabalamee; akaahuunii fi daakuun gabaa addunyaaf erguun sharafni gama kanarraa argamu akka dabalu taasiseera jedhan.
Dhaabbileen buna akaahan hedduun karaa Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa, hoteelota gurguddoo fi bakkeewwan hawwata turistootaatti oomisha isaanii maallaqa biyya alaatiin gurguruu eegaluu isaanii hubachiisaniiru.