Tamsaasa Kallatti:

Dursaan liigichaa Arsenaal Liivarpuul waliin Qixa bahe

Amajjii 1/2018 (ENA) -Piriimar liigii Ingilizi sagantaa torban 21ffaan Arsenaalii fi Liivarpuul taphatanii galchii malee qixaan adda bahaniiru.

Tapha kaleessa galgala Istaadiyeemii Emireetisitti gaggeeffameen tapha walakkaa jalqabaatiin Arsenaal, walakkaa 2ffaatiin Liivarpuul caalmaa fudhachuun tapahataniiru.

Arsenaal carraa goolii baay’ee uumus ijnifachuu hin dandeenye.

Taphataa sarara duraa miidhaan kan dhabe Liivarpuul taphicharratti dhiibbaa uumeera.

Akkaataa qabxii kanaatiin Arsenaal qabxiisaa gara 49tti yoo guddisu garaagarummaan qabxii Maanchistar Siitii waliin qaban qabxii 6n itti fufeera.

Liivarpuul qabxii 35niin sadarkaa 4ffaa qabateera.

Tapha Liigichaa lamaan Liivarpuul arsenal galchii akka hingalchine gochuu danda’eera.

Kilaboonni lameen tapha marsaa lammataa taassisaaniin Liiverpuul 1 fi 0n injifachuunsaa ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015