Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaan tumsa dinagdee biyyoota lamaan jidduu jiru caalaatti cimsuuf kutannoo qabdi-Ministira doktar Geediyoon Ximootiwoos

Mudde 30/2018(ENA)- Itiyoophiyaan tumsa dinagdee Chaayinaa waliin qabdu caalaatti cimsuuf kutannoo qabdi jedhan Ministirri dhimma alaa doktar Geediyoon Ximootiwoos.

Ministirri dhimma alaa Geediyoon Ximootiwoos ministira dhima alaa Chaayinaa Waangi Yii waliin taasisaniin, Itiyoophiyaan tumsa tarsiimawaa cimaa fi haalli hin jijjiirre Chaayinaa waliin akka qabdu kaasaniiru.

Chaayinaan misooma Itiyoophiyaaf deeggarsa gochaa jirtu dinqisiifatanii, Itiyoophiyaan tumsa dinagdee biyyoota lamaan jidduu jiru caalaatti cimsuuf kutannoo qabdu mirkaneessaniiruuf.

Inisheetiivii nageenyaa fi misoomaa gaanfa Afriikaaf Chaayinaan dhiheessiteef xiyyeeffannoo kennuun gufuuwwan nageenyaa, misoomaa fi bulchiinsaa  furuun faayidaa inni qabu kaasuusaanii odeeffannoon ministeera dhimma ala ani mul’isa.

Ministirri dhimma alaa Chaayinaa Waangi Yii gamasaaniin, daawwannaan A.L.A bara 2026 Afriikaatti taasisan daawwannaasaanii biyya alaa kan jalqabaa ta’uu eeranii, Itiyoophiyaan kan jalqabaa ta’uushee ibsaniiru.

Kun ammoo tumsa fulla’aa Chaayinaan Afriikaa waliin qabduu fi Itiyoophiyaan Ammoo tumsituu tarsiimawaa ta’uushee akka agarsiisu dubbataniiru.

Chaayinaan tumsa hunda galeessa Itiyoophiyaa waliin qabdu dameelee tumsaa garagaraatiin caalaatti cimsuuf kutannoo qabdus ministirichi mirkaneessaniiru.

Waltajjiiwwan hariiroo gam-lamee, riijinii fi gama hedduu irratti qindoomina tarsiimawaa cimsuuf biyyoonni lamaan walii galaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015