Hojiiwwan Misooma Turiizimii Godina Jimmaatti hojjetamaa jiran guddina damichaaf haala mijataa uumaa jira - ENA Afaan Oromoo
Hojiiwwan Misooma Turiizimii Godina Jimmaatti hojjetamaa jiran guddina damichaaf haala mijataa uumaa jira
Mudde30/2018(ENA)- Hojiiwwan misooma Hawata Turiizimii Godina Jimmaatti hojjetamaa jiran bakkeewwan gahumsaa mijataa uumuusaanii Qajeelchi Aadaa fi Tuuriizimii Godinichaa ibse.
Godinni Jimmaa Qabeenya uumamaa fi namtolcheen kuufamaa dilbii kan qabdu yoo ta’u, bakkeewwan Hawata Tuurizimii Itiyoophiyaa keessaa tokko dha.
Jimmi omishni godina bunni qulquulina olaanaa qabu keessatti argamu keessaa tokko yoo ta’u, yeroo dhihoo asitti, ooyruuwwan bunaa fi adeemsa qophiisaa daawwattootaaf banaa taassisuun tuurisimii bunaa guddisuuf hojjetamaa jira.
Hedduumminni Bosonaa Godinichatti argamu Haala mijataa Tuurizimiif yookiin Ikkoo -Turiizimiif uumeera.
Itti Gaafatamaan Qajeelcha Aadaa fi Turiizimii Godina Jimmaa Nimeerii Abbaatamaam ENA’f akka ibsanitti, tokkoon tokkoo Aanaa yoo xiqqaate bakkeewwaan gahumsa Turistii tokko akka qabaatuuf hojiiwwan misoomaa bal’aan hojjetamaa jiru.
Hanga ammaatti Aanaawwan ijaarsi haaraa 21 keessatti eegalaman keesssatti 3 xumuramuun fayyadamtootaaf banaa ta’uusaanii eeraniiru.
Isaanis Aanaawwan Nadhii Gibee, Limmuu kossaa fi Limmuu Gannat ta’uusaanii eeruun, bakkeewwan biroos adda baasuu, baajata qabuu akkasumas hojiin misoomsuu eegaluu ibsaniiru.
Bakkeewwan Hawwata Turiizimii Godinichatti argaman Tuuristoota biyya keessaa fi biyya alaaf beeksisuuf hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Yaa’insa Tuurizstii dabaluu fi turtii daawwattootaa dheeresuuf bu’uuraaleen misoomaa murteessaa waan ta’eef Magaalaa Jimmaatti Hoteelota Sadarkaasaanii eeggatan akka ijaaraman taassifamuu ibsaniiru.
Dabalataanis Godinichatti Aanaawwan 40n hojiin bu’uuraalee misoomaa Daandii guutuu hojjetamuu ibsuun, bakkeewwan gahumsa Tuurizimii misooma Koriideraa waliin wal qabsiisuun hanga qe’ee qonnaan bulaa geessisuuf hojjetamaa jira jedhaniiru.
Milkaa’inasaafis qooda fudhattoota waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Kunis Godinicha filatamtuu fi bakka gahumsa Tuurizimii taassisuun hawaasa fayyadamaa taassisuuf faayidaa olaanaa qabaachuu eeraniiru.