Tamsaasa Kallatti:

Waliigaltee Naannoo Daldala Walabaa Ardii Afrikaatiin bunni Itiyoophiyaa sonni itti dabalame gabaa biyyoota Afrikaaf ergamuun jalqabameera

Mudde 30/2018(ENA)- Waliigaltee Naannoo Daldala Walabaa Ardii Afrikaatiin bunni Itiyoophiyaa sonni itti dabalame gabaa biyyoota Afrikaaf ergamuu jalqabameera jedhe Abbaan Taayitaa Bunaa fi Shayii Itiyoophiyaa.

Akka ragaan Gamtaa Afrikaa agarsiisutti biyyoonni Afrikaa dhibbentaa 85 oomisha isaanii gabaa Awurooppaa, Eeshiyaa, Kaabaa fi Laatiin Ameerikaatti kan ergan yoo ta’u, daldalli biyyoota Afrikaa waliin taasisan dhibbeentaa 15 kan hin caalle dha.

Hojiirra oolmaan Waliigaltee Naannoo Daldala Walabaa Ardii Afrikaa hariiroo daldalaa biyyoota gidduu jiru haala mijeessa, gatii madaalawaadhaan oomisha dhiyeessuu, walitti dhufeenya dinagdee ni guddisa jedhamee amanama.

Kaayyoon guddaan Waliigaltee Naannoo Daldala Walabaa Ardii taarifa daldalaa fi danqaawwan maqsuun sirna tokkummaadhaan biyyoota Afrikaa gidduutti waliin daldaluu haala mijeessuudha.


 

Kunis biyyoota miseensa ardii kanaa gidduutti daldala guddisuun, guddina industirii saffisiisuun, lammiileef carraa hojii uumuudhaan jijjiirama caasaa dinagdee Afrikaa haala mijeessuu keessatti faayidaa guddaa qaba.

Kanaanis Itiyoophiyaan Fulbaana 29/2018 irraa eegalee, Waliigaltee Naannoo Daldala Walabaa Ardiitiin oomishaalee ishee gara gabaa biyyoota Afrikaa adda addaatti erguu eegalteetti.

Itti aanaan Daarektarri Olaanaa Abbaa Taayitaa Bunaa fi Shaayii Itiyoophiyaa Shaafii Umar ENAtti akka himanitti, waliigaltee naannoo daldala bilisaa Afrikaatiin qaqqabummaa gabaa buna Itiyoophiyaa babal’isuuf hojjetamaa jira.

Carraa gabaa Afrikaa bal’aa fayyadamuuf buna Itiyoophiyaa callaa isaa gabaaf alaaf erguurra sona itti dabaluun erguun murteessaa ta’uu ibsaniiru.

Kanaanis hojiileen eegalaman cimanii akka itti fufaniif hojjetamaa jira jedhan.

Itiyoophiyaan qaqqabummaa gabaa bunaa babal’isaa jirti kan jedhan obbo Shaafiin,; fakkeenyaaf gabaan bunaa bara 2016 biyyoota 64 ture bara 2017tti gara 84tti ol guddateera jedhan.


 

Gabaa bunaa kana babal’isuufis Embaasiiwwan Itiyoophiyaa biyyoota adda addaa jiran waliin hojiin cimaa hojjetamaa jira jedhaniiru.

Chaayinaa dabalatee biyyoonni Eeshiyaa kudhan buna Itiyoophiyaa bitaa akka jiran eeruun, mootummaan gabaa Afrikaa fi Isiyaatti fayyadamuuf al-ergii bunaa sona itti dabaluun akka irratti hirmaataniif abbootiin qabeenyaa Itiyoophiyaa fi Awurooppaa waliin ta’uun akka hojjetan ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015