Tamsaasa Kallatti:

Yaa’iin Idilee 51ffaan Koree Bakka Bu’oota Dhaabbataa Gamtaa Afrikaa torbee dhufu ni eegala.

Mudde 30/2018(ENA) – Yaa’iin Idilee 51ffaa Koree Bakka Bu’oota Dhaabbataa Gamtaa Afrikaa (PRC) Amajjii 4 hanga 22, 2018, Waajjira Muummee Gamtichaa Finfinneetti ni gaggeeffama.

Walgahiin kun mata duree Gamtaa Afrikaa bara 2026 "Dhiyeessii Bishaanii Itti Fufiinsa Qabuu fi Sirnoota qulqullinaa nageenyi isaanii eegamae mirkaneessuu; Milkaa’ina Galmoota Ajandaa 2063f " jedhuun gaggeeffama.

Mata dureen marii baranaa Afrikaatti nageenya bishaanii fi eegumsa qulqullina isaa irratti xiyyeefata.

Yaa’ii kana irratti gaggeessitoonni gamtaa dhaabbatichaa,Ambaassaddaroonni miseensota dhaabbatichaa fi dippiloomaatonni akka hirmaatan odeeffannoo ENAn gamticha irraa argate ni mul’isa.

Walgahiin kun wixinee ajandaawwan Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu Gamtaa Afrikaa 48ffaa Guraandhala 4 fi 5, 2018 gaggeeffamuuf, akkasumas Yaa’ii Hooggantoota Biyyoota Gamtichaa 39ffaa Guraandhala 7 fi 8, 2018 gaggeeffamuuf jiru irratti ni mari’ata jedhamee eegama.

Dabalataanis koreen kun gabaasa raawwii hojii dhaabbilee adda addaa Gamtaa Afrikaa jala jiran, akkasumas walgahii Gamtichi akka lakkoofsa warra faranjootaa bara 2025 gaggeesse ilaachisee gabaasa dhaggeeffata jedhameera.

Nagaa fi nageenya, naannoo Daldala Walabaa Ardii Afrikaa dabalatee walitti hidhaminsa dinagdee, haaromsa dhaabbilee fi karoora bajataa kan ilaallatan sanadoota teekinikaa ni qopheessa.

Korichi yaada mata duree dhaabbatichaa 2026 irratti ni mariita jedhemee egama.

Walgahiin idilee koree kanaa walgahii isa guddichaaf akka qophii waltajjiitti tajaajila.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015