Itiyoophiyaa fi Chaayinaan dhimmoota damee hedduu irratti walitti dhufeenya isaanii daran cimsuu danda’an irratti mari’atan - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaa fi Chaayinaan dhimmoota damee hedduu irratti walitti dhufeenya isaanii daran cimsuu danda’an irratti mari’atan
Mudde 30/2018(ENA)- Itiyoophiyaa fi Chaayinaan dhimmoota damee hedduu irratti walitti dhufeenya isaanii daran cimsuu dandeessisu irratti mari’achuu Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad ibsan.
Har’a Ministira Dhimma Alaa Chaayinaa Waang Yin simachuun dhimma mootummaa fi hariiroo ummataa Itiyoophiyaa fi Chaayinaa itti fufee jiru irratti mari’anneerra jedhan doktar Abiyyi ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin.
Dhimmoota tumsa misoomaa adda addaa hojiirra oolchuuf kutannoo qabnu itti fufsiisuu dandeessisu irratti mari’anneerra jedhan.
Hariiroon Chaayinaa fi Itiyoophiyaa waggoota kurnan hedduuf kan ture hariiroo cimaa ta’uu eeruun, hariiroon kun taateewwan irratti hundaa’uun kan hin jijjiramne gara tumsa tarsiimoo dhaabbataatti guddateera jedhaniiru.
Gama dinagdeen, daldala, bu’uraalee misoomaan, dhiyeessii anniisaa fi geejjibaa, akkasumas dameewwan elektironiksii(E Commerce), guddachaa jiran, daldala dinagdee dijitaalaa, hubannoo namtolchee fi misooma anniisaa magariisaa irratti tumsa keenya cimsuu irratti mari’anneerra jedhan.