Naannoo Oromiyaatti Olaantummaa seeraa kabachiisuun misooma hunda galeessa mirkaneessuun cimee ittifufa - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Oromiyaatti Olaantummaa seeraa kabachiisuun misooma hunda galeessa mirkaneessuun cimee ittifufa
Mudde 30/2018(ENA)-Naannoo Oromiyaatti Olaantummaa seeraa kabachiisuun hojiin misooma hunda galeessa mirkaneessuu cimee itti fufa jedhan hogganaan Biiroo Komunikeeshinii Naannichaa Hayiluu Addunyaa ibsan.
Naannichatti hanga ammaatti hidhattoonni duraanii kuma 22 ol ta’an waamicha nagaa motummaan taassiseef fudhachuun Leenjii haaromsaa fudhatanii gara hawaasatti makamuusaanii himuun, nageenya fudhachuu dhiisuun warra gocha badii itti fufanirratti tarkaanfiin seera kabachiisuu cimee itti fufa jedhaniiru.
Hogganaan Biiroo Komunikseeshinii Naannoo Oromiyaa Hayiluu Addunyaa, Haala misoomaa fi nageenyaa naannichaa yeroo ammaa ilaalchisuun ENA’f ibsa kennaniiru.
Mootummaan Naannichaa jijiiramaa booda qormaatilee isa mudatan keessaa bakkeewwan muraasa keessatti rakkoon nageenyaa akka ture yaadachuun, rakkoolee kana bu’uurarraa furuuf hojiin bal’aan hojjetamuu hubachiisaniiru.
Naannichatti olaantummaa seeraa kabachiisuun cinaatti qamoleen daandii dogongoraarra turan gara daandii nagaatti akka deebi’aniif waamichi tassifamneera jedhaniiru.
Waamicha nagaa mootummaan taasisee dabalatee Abbootiin Gadaa, Haadholiin Siinqee, Abbootii Amantaa fi Jaarsoliin biyyaa waamicha nageenyaa akka fudhataniif hojjetamuu ibsaniiru.
Bu’uuruma Kanaan hidhattoonni duraanii kuma 22 ol waamicha nageenyaa fudhachuun leenjii Haaromsaa fudhachuun gara jirenya nagaatti deebi’uusaanii ibsaniiru.
Hidhattoota duraanii keessaa kuma 10n kan ta’aniif carraan hojii kan uumameef yoo ta’u kanneen biroon akka fedhasaaniitti gara jireenya idileetti deebi’aniiru jedhaniiru.
Bakki hojii fi liqaan birrii Miiliyoona 581 isaaniif mijatee gara hojiitti akka galan ibsuun gara Barnootaa fi gara hojii mootummaatti kan deebi’an jiraachuu ibsaniiru.
Naannichatti olaantummaa seeraa kabachiisuun misooma hunda galeessa mirkaneessuun cimee itti fufa jechuun mirkaneessaniiru.
“Finxaalessummaadhaan qaama kaayyoo badiif hiriire hundi Afaan kamiyyuu dubbatu finxaalessaadha” kan jedhan Obbo Hayiluun, Finxaaleyyii Amaaraas ta’e Oromoo Tarkaanfiin finxaaleyyiirratti fudhatamu cimee itti fufa jedhaniiru.
Yeroo dhihoo Godina Horroo Guduruu fi Wallaga Bahaatti bakkeewwan muraasatti tarkaanfiin cimaan fudhatamee naannichatti nageenyi Amansiisaan bu’uu danda’eera jedhaniiru.