Tamsaasa Kallatti:

Bu’uuraaleen Misoomaa Magaalichatti ijaaramaa jiran Jiraattota fayyadamoo kan taasisanidha

 

Mudde 30/2018(ENA)- Ijaarsi bu’uuraalee Misoomaa Magaalaa Mattuutti hojjetamaa jiran fayyadamummaa Hawaasummaa fi Dinagdee jiraattotaa kan guddisan ta’uu jiraattonni ibsan.

Jiraattota Magaalichaa keessaa Obbo Oljirraa Hirkisaa akka jedhanitti, Ijaarsi bu’uuraalee misoomaa Daandii, Fayyaa fi Barnootaa gaaffii misoomaa hawaasa magaalichaa kan deebisanidha.

Ijaarsi pirojektootaa carraa hojii lammiileef kan uumanii fi Haala Magaalichaa jijiiruun Hawattummaa Tuuristiif humna dabalataa akka ta’an ibsaniiru.

Jiraataan magaalaa Mattuu obbo Taakkalaa Geetinnat gamasaaniin, pirojektoota magaalichatti hojjetamanii osoo hin haaromfamiin turanii fi pirojektota haaraan eegalamanii yeroosaatti osoo hin xumuramiin hafuun gaaffiii rakkoo Bulchiinsa gaarii Hawaasa Magaalichaa ta’aa akka turan ibsaniiru.

Bulchiinsi magaalichaa yeroo ammaa rakkoo kana furuuf hawaasa waliin qindaa’uun hojiiwwan eegale deebii misoomaa fi tajaajila hawaasummaa uummatichaa kennuusaanii dubbataniiru.

Isaanis Bulchiinsa Magaalichaa waliin ta’uun guddina magaalichaaf qoodasaanii gumaachaa jiraachuu eeraniiru.

Itti Aanaan Kantiibaa Bulchiinsaa Magaalaa Mattuu Obbo Kabbadaa Naggasuu akka dubbatanitti, gaaffii misoomaa fi Bulchiinsa gaarii jiraattota magaalichaaf deebii kennuuf xiyyeeffannoon kennameera.

Akka fakkeenyaatti bara baajatichaatti baasii birrii Miiliyoona 500 oliin pirojektoonni eegalamanii osoo hin xumuramiin hafanii fi haaraa eegalaman 44 xumuruun gara hojiitti galchuuf hirmaannaan taassifamaa jira jedhaniiru.

Pirojektoota magaalichatti ijaaraman keessaa Daandii keessa keessaa, Buufata Fayyaa, Qonna qindaa’a magaalaa fi Manneen Barnootaa Idilee fi Bu’uura boruu, Giddu galawwan gabaa, sheediwwanii fi pirojektoota bishaan dhugaatii akka keessatti argaman ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015