Godinichatti hojii kunuunsa qabeenya bishaanii fi biyyee hojjetameen naannoo lafa manca’etti misoomsuun oomishaa fi oomishtummaa dabaluuf hojjetamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Godinichatti hojii kunuunsa qabeenya bishaanii fi biyyee hojjetameen naannoo lafa manca’etti misoomsuun oomishaa fi oomishtummaa dabaluuf hojjetamaa jira
Mudde 30/2018 (ENA): Naannoo Oromiyaa Godina Boorana Bahaa keessatti lafa manca’e misoomsuun hojii kunuunsa biyyee fi bishaaniin oomishtummaa guddisuuf hojiin hojjetamaa jiraachuu Waajjirri Qonna Godinichaa beeksise.
Dursaan Garee Adeemsa Hojii Eegumsa Bosonaa Waajjirichaa obbo Aliyyee Arabaa akka jedhanitti, hojii kunuunsa biyyee fi bishaaniitiin naannoo godinichaa keessatti lafa manca’e misoomsuun oomishtummaa guddisuuf hojjetamaa jira.
Hojii kunuunsa biyyee fi bishaaniitiin lafti heektaara kuma 52 fi 500 ol uwwisu, bishaan kuufamaa 105 kan misoomsaman ta’uu ibsaniiru.
Hojii kana galmaan gahuuf gaggeessitoonni gandootaa fi hojjettoonni buufata misoomaa 379 leenjii ijaarsa dandeettii fudhachuu isaanii eeraniiru.
Godinichatti baatiiwwan Bonaa keessatti miseensonni hawaasaa kuma 226 ol hojii misooma bishaan kuufamaa irratti akka hirmaatan akeekaniiru.
Ji’oota Bonaa keessatti hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii, lafa margaa dabalatee, tuttuqaa beeladootaa fi namaa irraa bilisa gochuun, ganna dhufutti misooma ashaaraa magariisaatiin akka uwwisamuuf karoorfamuu dubbataniiru.
Hojiin lafa margaa manca’ee fi miidhame heektaara kuma 38 fi 244 tuttuqaa irraa bilisa gochuu qaama misooma bishaan kuufamaa ta’uu ibsaniiru.
Hojii kunuunsa biyyee fi bishaanii ji’oota Bonaa keessatti hojjetamaa jiruun cinattis hojiin biqiltuu yeroo gannaa dhaabanii biqiltoonni miiliyoona 36 qophaa’aa jiraachuu himaniiru.
Hojiiwwan misooma kunuunsa biyyee fi bishaanii waggoota darban keessatti hojjetaman gogiinsa godinicha keessatti mudate damdamachiisuun, wabii nyaataa mirkaneessuuf tattaaffii taasifamaa jiru keessatti gumaacha olaanaa fideera.
Hojii misoomaa kana eegalchiisuuf kan dandeessisan Meeshaaleen qonnaa aanaalee godinicha keessa jiran hundaaf kennamuu eeraniiru.
Godinichi gammoojjummaa fi hanqina roobaa akkasumas hongeef waan saaxilamuuf horsiifni beeladootaas bal’inaan akka adeemsifamu himaniiru.