Galma Milkaa’ina Marii biyyoolessaaf qooda nurraa eegamu ni baana - Waldaalee siivikii - ENA Afaan Oromoo
Galma Milkaa’ina Marii biyyoolessaaf qooda nurraa eegamu ni baana - Waldaalee siivikii
Mudde30/2018(ENA)– Galma Milkaa’ina Marii biyyoolessaaf qooda isaanirraa eegamu bahuuf cimsanii akka hojjetan Waldaaleen Siivikii Naannoo Amaaraatti argaman ibsan.
Naannoo Amaaraatti kan argamnii fi dhimmicharratti yaadasaanii ENA’f kennan keessaa Pirezidaantiin Federeeshiniin waldaan Qaama Miidhamtootaa Naannoo Amaaraa Fireesalaam Zagayyee akka ibsanitti, biyya keenyatti garaagarummaa siyaasaa mariin furuun faayidaa hawaasaf hojjechuurratti hanqinoonni jiru.
Yaadota sababa wal dhabdeef ta’aniin rakkoowwan uumaman mariin furuun tokkummaa fi walii galteen hawaasa giddiitti akka uumamuuf mariiwwan biyyoolessaa eegalaman carraa guddaadha jedhaniiru.
Komishiniin marii biyyoolessaa Itiyoophiyaa galma kana milkeessuuf tattaaffii eegalae dammaqinaan hordofuun ajandaawan mariif ta’an dhiheessuusaanii ibsaniiru.
Waltajjii Ajandaa adda baasuu fi walitti qabuurratti qaama miidhamtootni dammaqinaan hirmaachisuun rakkoowwan jiran Ajandaan qabsiisuun danda’ameera jedhaniiru.
Rakkoowwan mariin furuun mootummaa cimaa ijaaruuf tattaaffii taassifamuun qoodasaanii bahaa jiraachuu hubachiisaniiru.
Pirezidaantii waldaa Dargaggootaa Naannoo Amaaraa Dargaggoo Gaashawu Azenee gamasaaniin, adeemsa ijaarsa biyyaa keessatti garaagarummaa fi wal dhabdeewwan jiran mari’achuun furuun biyyaa cimaa ijaaruuf murteesaa dha.
Komishinichatti adeemsa Ajandaa walitti qabuu keessatti naannichatti dargaggoonni bakkeewwan adda addaatii dhufan hirmaachisuun Ajandaasaanii komishinichaaf galchuusaanii ibsaniiru.
Komishinichi Waltajjiin marii kutaa Hawaasa adda addaa hirmachisuun dhimmoota gurgudoo biyyaarratti waliigaltee uumuu fi biyya fooyyostuu ijaaruuf tattaaffii taassisu kan deeggarau ta’uu dubbateera.
Mariin biyyoolessaa biyya fooyyoftuu fi nageenyishee mirkanaa’ee ijaaruuf carraa guddaa kan uumu ta’uusaan dargaggoonni marichi akka milkaa’uuf komishinicha cinaa dhaabbachuun hojjechaa jiraachuusaanii beeksisaniiru.