Tamsaasa Kallatti:

Naannichi Pirojektoota kaappitaala birrii biliyoona 10 ol galmeessisaniif eeyyama invastimantii kenne

Mudde 30/2018(ENA) - Naannoon Giddugaleessa Itiyoophiyaa baatiiwwan jahan darban pirojektoota kaappitaala birria biliyoona 10 tuqaa 5 galmeessisaniif eeyyama invastimantii kennuu beeksise.

Hogganaan Biiroo Invastimantii fi Misooma Indaastirii Naannichaa doktar Abbaas Mohaammad ENAtti akka himanitti, eeyyamni invastimantii kan kennameefii piroojektoota 146 dha.

Kanneen keessaa piroojektoonni 26, kaappitaala birria biliyoona 1 tuqa 8 kan galmeessisan piroojektoota abbootii qabeenyaa lammiilee Itiyoophiyaa biyya alaatii dhufan ta’uu himani.

Dameeleen eeyyamni invastimantii kennameefii kunniin qonna, tajaajilaa fi indaastirii akka ta’an eeraniiru.

Pirookektoonni kunniin gaafa hojiitti seenan lammiilee kuma 21 fi 679f carraan hojii akka uumamu ni eegama jedhan.

Kaappitaalli piroojektoota eeyyama argatan walakkaa bara baajataa keessatti galmaa’e kan bara darbee yeroo walfakkaataa irraa birrii biiliyoona 2.95n caalmaa qabaachuu himaniiru.

Gama biraatiin piroojektoota lafa fudhatanii seeraan kan hin misoomsine 40 irratti tarkaanfiin sadarkaa garagaraa akka fudhatame hogganaan biirichaa ibsaniiru.

Haaluma kanaan piroojektoota 33 akeekkachiisa, piroojektoota torba irratti immoo walii galtee fi eeyyamni invastimantii isaanii irraa fuudhamuu dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015