Odeeffannoon saatalaayitoonni Itiyoophiyaa maddisiisan faaydaa hawaasummaa fi diinagdee olaanaa gumaachaniiru. - ENA Afaan Oromoo
Odeeffannoon saatalaayitoonni Itiyoophiyaa maddisiisan faaydaa hawaasummaa fi diinagdee olaanaa gumaachaniiru.
Mudde 30/2018(ENA)- Odeeffannoon saatalaayitoonni Itiyoophiyaa maddisiisan faaydaa hawaasummaa fi diinagdee olaanaa gumaachaniiru jechuun ibse Inistiitiyuutiin Saayinsii Hawaa fi Ji'oospaashiyaal Itiyoophiyaa.
Inistiitiyuutichi bara dhufu saatalaayitii odeeffannoo lafaa kennu sadaffaa gara hawaatti furguggisuuf qophiin taasifamaa jiraachuu beeksiseera.
Itiyoophiyaan saatalaayitii jalqabaashee ‘ET-RSS1’ akkasumas lammaffaa immoo ET-SMART-RSS kannee jedhaman saatalaayitoota odeeffannoo gara hawaatti furguggisuun ishee ni yaadatama.
Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutii Saayinsii Hawaa fi Ji’oospashiyaal Itiyoophiyaa Abdiisaa Yilmaa ENAtti akka himanitti, saatalaayitoonni odeeffannoo lafaa lama kanaan dura gara hawaatti ergaman yeroo tajaajila isaanii xumuraniiru.
Saatalaayitoonni odeeffannoo lafaa kuni faayidaa teeknooloojii, saayinsii, hawaasummaa fi dinagdee hedduu akka gumaachan himaniiru.
Kanaanis wabii nyaataa mirkaneessuun, eegumsa naannoon, eegumsa bulchiinsa qabeenya uumamaan, damee qonnaan, karoora magaalaa fi misooma bu’uuraalee misoomaan, akkasumas dantaa biyyaalessaa fi ijaarsa ilaalcha gaarii biyyaaf gumaacha guddaa akka buusan ibsaniiru.
Yeroo ammaa kana saatalaayitii qulqullina suuraa fi dandeettii yeroo olaanaa qabdu ET-RSS2 jedhamtu Muddee 2019 gara hawaatti furguggisuuf hojjetamaa akka jiru beeksisaniiru.
Saatalaayitiin itti aanu furguggifamtu ET-RSS 2 teeknooloojii ammayyaa kan qabdu yoo ta’u, turtii waggaa shanii hawaa irratti akka qabaattu kan eegamu ta’uu ibsameera. Saatalaayitoota kanaan dura furguggifaman irraa odeeffannoo argaman fudhachuu, xiinxaluu, to’achuu fi dandeettii suphuu uumamuun dada’ameera jedhan.
Saatalaayitii sadaffaa furguggisuuf tattaaffiin taasifamaa jirus dandeettii misooma saatalaayitii Itiyoophiyaa kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru.