Tamsaasa Kallatti:

Piriimar Liigii Ingilizitti Taphni Arsenaalii fi Riivarpuul gaggeessan hawwiin eegama

 

Mudde30/2018(ENA)–  Piriimar liigii Ingiliz sagantaa torban 21ffaan  Arsenaalii fi Liivarpuul taphi har’a gaggeessan  hawwiin ni eeggama. 

Taphni kilaboota lamaanii  galgala sa’aatii 5:00  Istaadiyeemii  Eemmiretisitti  gaggeeffama.

Arsenaal Dorgommii bara Kanaan taphoota20 gaggeesseen yeroo15  yoo injifatu  2n injifatamee  3n qixaan adda baheera. 

Arsenaaltaphichaan galchii40 yoolakkoofsisu galchii14 keessummeessee, qabxii 48n  sadarkaa 1ffaa qabateera.

Morkataansaa Liivarpuul liigichatti tapha20gaggeesseen yeroo10 yoo injifatu yeroo6 mo’ameera   afuriin qabxii dhabeera.

Taphichaan galchii 32 yoo lakkoofsisu  galchii 28 keessummeesseera. 

Injifataan ligichaa Liivarpuul  qabxii 34n  sadarkaa 4ffaa  qabateera.

 Arsenaalii fi Liivarpuul Dorgommiiwwan hundaan hanga ammaatti yeroo245n  walitti dhufaniiru.

Liivarpuul yeroo 96 mo’uun dursummaasaa yoo qabatu Arsenaal gamasaan  yeroo 83 yoo injifatu  yeroo 66 qixaan  adda baheera. 

Piriimar liigichatti yeroo 67 walitti dhufanii  liivarpuul  yeroo 26 yoo injifatu Arsenaal yeroo  18 injifateera. 

Taphoota hafan 23n Qixaan adda bahaniiru. 

Taphasaanii  waliinii 5n darbaniin  lamaan isaanii haala  walfakkaatuun  yeroo tokko yoo injifatan   taphoota hafan 3n  qixaan adda  bahaniiru.

Gareewwan lamaanSagantaa liigichaa bara Kanaan tapha marsaa jalqabaa gaggeessaniin  Liivarpuul 1fi 0n injifachuunsaa ni  yaadatama.

Arsenaal yoo injifate hordofaasaa Maanchistar Siitii waliin garaagarummaa qabxii  qabu gara 8 ol guddisa. 

Taphicha Antoonii Teeyiler Tapha gareewwan lamaanii Hawwiin eegamu Abbaaseerummaan  gaggeessu.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015