Tamsaasa Kallatti:

Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad mandara moodalaa qindaa’aa Tulluu Araaraa ifatti eebbisan

Mudde 29/2018 (ENA)- Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad mandara moodalaa qindaa’aa Tulluu Araaraa har’a ifatti eebbisaniiru.

Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad giifti duree Zunnaash Taayyaachoo fi hoggantoota mootummaa olaanoo waliin ta’uun sagantaa tola ooltummaa gannaa gara olaanaatti kan ceesise mandara moodalaa qindaa’aa Tulluu Araaraa ifatti eebbisuusaanii ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniirratti dabarsaniin ibsaniiru.


 

Mandarri moodalli kun lafa karee meetira kuma 7 irratti kan ijaarame yoo ta’u, tokkoon tokkoon mana kanaa kutaalee ciisichaa lama dabalatee walumaa gala kutaalee shan kan qabu sadarkaasaa eeggatee ijaaramuusaa eeraniiru.

Mandarri kun sadarkaa maatiitti lammiilee 150’f mana jireenyaa mijataa fi qulqulluu akka ta’uu yaadamee qophaa’uusaa ministirri muummee ibsanii, bu’uraalee misoomaa kanneen akka daandii keessoo, anniisaa elektiriikii fi soolaarii, bakka Ispoortiin itti hojjetamuu fi misooma magariisaa akkka ta’e himaniiru.


 

Mandarri kun sadarkaa jireenya lammiilee fulla’insaan fooyyessuuf hojmaata qindaa’aa caancala oomishaa fi gabaa of keessaa qabu diriirseera jechuun dubbataniiru.

Hojiin misoomaa kun saawwan aannanii fi horsiisa lukkuu akkasumas misooma kuduraa boroo kan qabu yoo ta’u, caancala gabaa bittaa fi gurgurtaa uumuusaa ministirri muummee ergaasaaniin ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015