Lammiilee rakkataa ta’an waliin ayyaana dabarsuunii fi waan qabnu qooddachuun duudhaa Itiyoophiyaa kan ibsudha – Kantiibaa Adaanech Abeebee - ENA Afaan Oromoo
Lammiilee rakkataa ta’an waliin ayyaana dabarsuunii fi waan qabnu qooddachuun duudhaa Itiyoophiyaa kan ibsudha – Kantiibaa Adaanech Abeebee
Mudde 29/2018 (ENA)- Lammiilee rakkataa ta’an waliin ayyaana dabarsuunii fi waan qabnu qooddachuun duudhaa Itiyoophiyaan qabdu ta’uusaa Kantiibaanbulchiinsa magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee ibsan.
Kantiibaa Adaanech Abeebee wiirtuu soorataa Tasfaa Biraan Gullalleetti argamuun maaddii qooduun kanneen humna hin qabnee fi rakkataa ta’an waliin ayyaana qillee kabajaniiru.
Kantiibaa Adaanech ergaa dabarsaniin, yeroo ayyaanaa kan qabnu qooduun, warra rakkatan yaadachuu fi walooma cimsuun duudhaa Itiyoophiyaan ittiin beekamtudha jedhaniiru.
Duudhaa gaarii kana qabatamaan mul’isuuf guyyaa har’aa wiirtuuwwan soorataa magaalaa Finfinneetti argaman 26 keessatti maaddii qooduun ayyaanichi waloomaan kabajamaa jiraachuu eeraniiru.
Kantiibaa Adaanechi wiirtuu soorataa Tasfaa Biraan Gullalleetti argamnee Abbootii, Haadholii fi daa’imman waliin ayyaana Qillee kabajneerra jedhaniiru.
Maadii qoduun gamatti yeroo hunda fayyadamummaa lammiilee fulla’insaan mirkaneessuu fi Finfinnee fooyyofte waloomaan ijaaruuf bulchiinsichi kutannoon hojjechaa akka jiru ibsaniiru.
Dureeyyii, tola ooltotaa fi jiraattota magaalaa Finfinneetti hojii tola ooltummaa lammiilee humna hin qabne, kanneen biyyaaf oolmaa oolanii fi kutaalee hawaasaa rakkoo keessa jiran deeggaruuf taasifamu keessatti hirmaatan galateeffataniiru.