Embaasonnii fi dhaabbileen idil addunyaa garagaraa baga ayyaana dhaloota Iyyasuus Kiristoosiin isin gahe jechuun ergaa dabarsan - ENA Afaan Oromoo
Embaasonnii fi dhaabbileen idil addunyaa garagaraa baga ayyaana dhaloota Iyyasuus Kiristoosiin isin gahe jechuun ergaa dabarsan
Mudde 29/2018 (ENA)- Embaasonnii fi dhaabbileen idil addunyaa garagaraa teessoonsaanii Finfinnee ta’e hordoftoota amantaa kiristaanaatiin baga ayyaana dhaloota Iyyasuus Kiristoosiin isin gahe jechuun hawwii gaarii ibsaniiru.
Itiyoophiyaatti Embaasiin Ameerikaa, embaasiin Israa’eelEmbaasiin Hindi hordoftoota amantaa Kiristaanaa hundaan ayyaanni kun kan nagaa fi gammachuu isiniif haa ta’u jechuun hawwii gaarii ibsaniiru.
Akkasumas Itiyoophiyaatti embaasiin Yunaayitid Kingidamayyaanni kun kan nagaa, jaalalaa, gamachuu fi tokkummaa akka ta’u hawwaniiru.
Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Jibutii fi gamtaa Afriikaa fi ‘ECA’tti ergamaan addaa Abdii Mahaammud Iyibee fuula X isaaniirratti ergaa dabarsaniin obboloota koo fi michoota koo lammiilee Itiyoophiyaa ayyaana gaarii akka isiniif ta’un hawwa jedhaniiru.
Itiyoophiyaatti Embaasiin Armeeniyaa, Kaanaadaa, Awustiraaliyaa, Siwiizarlaand Paakistaan ayyaana gaarii akka ta’u hawwaniiru.
Dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti biiroon Itiyoophiyaa ayyaanni Qillee kan naga fi gammachuu akka ta’u hawwaniiru.
Dhaabbanni godaantotaa idil addunyaa gamasaatiin, Itiyoophiyaanota hundaaf ayyaana gaarii hawwanii, hordoftoota maantaa kiristaanaaf nagaa fi gammachii akka ta’u hawweera.
Ejensiin tumsa idil addunyaa Jaappaan(Jaayikaa) ayyaanni qillee kan gammachuu fi barakataa akka ta’u hawweera.
Ayyaanni dhaloota Iyyasuus Kiristoos (Qillee) guyyaa har’aa hordofoota amantaa kiristaanaatiin guutuu Itiyoophiyaatti kabajamaa jira.