Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad mana barumsaa qaroo dhabeeyyii Sheeyikaa Faaxiimaa Biin Mabruukitti argamuun maaddii qoodan - ENA Afaan Oromoo
Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad mana barumsaa qaroo dhabeeyyii Sheeyikaa Faaxiimaa Biin Mabruukitti argamuun maaddii qoodan
Mudde 29/2018 (ENA)- Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad mana barumsaa qaroo dhabeeyyii Sheeyikaa Faaxiimaa Biin Mabruukitti argamuun maaddii qoodaniiru.
Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad guyyaa ayyaana dhaloota Iyyasuus Kiristoos (Qillee) giifti duree Zinnaash Taayyaachoo waliin ta’uun mana barumsaa qaroo dhabeeyyii Sheeyikaa Faaxiimaa Biin Mabruukitti argamuun maaddii qooduusaanii ergaa fuula miidiyaa hawaasummaasaaniin dabarsaniin ibsaniiru.
Ganama addaa kana maaddii qooduun waloomaan dabarsuun keenya afuura gannoo dhugaa kan itti agarsiifnedha jedhaniiru.