Tamsaasa Kallatti:

Ijaarsi buufata xiyyaaraa idil addunyaa Bishooftuu torban kana keessa eegla

Mudde 29/2018(ENA)- Ijaarsi buufata xiyyaaraa idil addunyaa Bishooftuu torban kana keessa akka eegalu hojii raawwachiisaan olaanaa garee daandii qilleensaa Itiyoophiyaa Masfin Xaasoo ibsan.

Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad Qaam’ee 4 bara 2017 hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddicha wayita eebbisan, ijaarsi buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Bishooftuu pirojektoota gurguddoo bara haaraa keessa eegalaman keessaa tokko akka ta’e ibsaniiru.

Hojii raawwachiisaan olaanaa garee daandii qilleensaa Itiyoophiyaa Masfin Xaasoo miidiaa POA’f akka ibsanitti, ijaarsi buufata xiyyaaraa idil addunyaa Bishooftuu torbee kana keessa ni eegala.

Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Boolee waggoota hedduuf itti gargaaramaa turuusaa yaadachiisaniiru.

Tajaajilli buufanni Xiyyaaraa Idil addunyaa Boolee kennu bal’achaa dhufuun human tajaajilaa isa xumuraarra gahuusaa dubbataniiru.


 

Kanaaf tajaajila daandii qilleensichaa bahachuu kan danda’u pirojektiin buufata Xiyyaaraa Bishooftuu ifoomuusaa dubbataniiru.

Pirojektiin kun baasii doolaara biiliyoona 10 ta’uun akka jiaaramuu fi ijaarsisaas torban kana keessa akka eegalu eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015