Tamsaasa Kallatti:

Ayyaanni Qillee hordoftoota amantaa Kiristaanaatiin kabajamaa jira

Mudde 29/2018 (ENA)-Ayyaanni dhaloota Iyyasuus Kiristoos((Qillee) hordoftoota amantaa Kiristaanaatiin kabajamaa jira.

Ayyaanni kun guyyaan dhaloota Iyyasuus kiristoos Kan itti yaadatamudha.

Abbootiin amantaa ayyaana Qillee sababeeffachuun ergaa dabarsaniin kanneen rakkatan gargaaruu fi deeggaruun ayyaanicha dabarsuun akka barbaachisu ibsaniiru.

Kanneen human hin qabnee fi lammiilee nama isaan gargaaru hin qabne  fulla’insaan akka damdamatan deeggaruun akka barbaachisu dubbataniiru.

Ayyaannichi kan nagaa, jaalalaa fi gammachuu akka ta’u abbootiin amantaa hawwaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015