Tamsaasa Kallatti:

Ayyaana Qillee fi Cuuphaa ilaalchisuun balaan akka hin mudanneef qophiin haal duree barbaachisu xumurameera- Komishinii hoggansa hojii sodaa ibiddaa fi balaa Magaalaa Finfinnee

Mudde 28/2018(ENA)–Ayyaana Qillee fi Cuuphaa ilaalchisuun balaan akka hin uumamne qophiin haalduree taasaasifamuu Komishinii hoggansa hojii sodaa ibiddaa fi balaa magaalaa Finfinnee beeksise.

Itti aannaan Komishinaraa Komishinii hoggansa hojii soda ibiddaa fi balaa magaalaa Finfinnee Dassaalanyi Fufaa Biirichi balaan akka hin uumamneef of eeggannoo barbaachisu taasisuusaa turtii ENA Afaan Oromoo waliin taasisaniin ibsaniiru.

Hawaasni wantoota itti fayyadamu kanneen akka Cilee, elektirikaa fi duungoo of eeggannoon fayyadamuu akka qabus hubachiiisaniiru.

Itti Aanaan Komishinera Dassaalenyi Fufaa akka jedhanitti, dhaabbatichi balaa ittisuu fi wantoota ka’umsa balaa ta’an ittisuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Hawaasni Ayyaanota Qillee fi Cuuphaa kabajamu ilaalchisee balaan akka hin uumamneef of eeggannoo barbaachisaa taassisuu qaba jechuun hubachiisaniiru.

Balaan yoo uumame hojjettoonni komishinichaa fi qooda fudhattoonni deebii ariifachiisa kennuuf sa’aatii 24 qophii ta’uu ibsaniiru.

Hawaasichi balaan yoo uumames bilbila bilisaan 939 hatatammaan bilbiluun beeksisuu akka qabu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015