Mariin Biyyaalessaa, aadaan dimokiraasii fi ijaarsi dhaabbilee biyya hundaaf mijattuu taate ijaaruuf murteessoo dha. - ENA Afaan Oromoo
Mariin Biyyaalessaa, aadaan dimokiraasii fi ijaarsi dhaabbilee biyya hundaaf mijattuu taate ijaaruuf murteessoo dha.
Muddee 28/2018 (ENA): Mariin biyyaalessaa, aadaan dimokiraasii fi ijaarsi dhaabbilee biyya hundaaf mijattu ijaaruuf bu’uura murteessaa ta’uu Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad ibsaniiru.
Rakkoolee Itiyoophiyaa hiikuun humna ida’amuutiin biyya badhaatuu taasisuuf hayyoonni yaada maddisiisuunii fi qorannoo rakkoo furan irraa eegalee hojii qabatamaan jijjiirama fidan hojjechuu akka qaban ibsan.
Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad ayyaana waggaa 75ffaa hundeeffama yunivarsiitii Finfinnee ilaalchisuun waraqaa qorannoo dhiyeessuun haasawaa taasisaniiru. Waraqaa isaanii erga dhiyeessanii boodas gaaffilee dhiyaateef deebiifi ibsa kennaniiru.
Garaagarummaa siyaasaa hiikuun akkamiin danda’ama gaaffii jedhuuf deebii deebisaniin, Itiyoophiyaa keessa garaagarummaa jiran furuuf kutannoo fi dhimma ijjannoo ta’uu qaba jedhani.
Yaadonni finxaaleyyii naannolee adda addaa keessatti mul’atan Itiyoophiyaa tarkaanfii tokkollee gara fuula duraatti adeemsisuu akka hin dandeenye eeruun, yaada Itiyoophiyaan kan keenya jedhutti amannee yoo hojjanne gara boqonnaa fooyya’aatti ni ceena jedhaniiru.
Seenaa madaalaan,har’a ifaajiin,boru abdiin kan ilaallu kan jedhan Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad,lammiilee hundaaf carraa wal qixaa kennuun akka barbaachisu ibsaniiru.
Tokkummaa biyyaalessaa cimaa uumamuun kan danda’amu, seenessa waloo ijaaruun ta’uu eeruun Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad mootummaan dhimmicha xiyyeeffannoo kennee irratti hojjachaa jira jedhan.