Tamsaasa Kallatti:

Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Hojjettoota Waajjira Ministira Muumeef ayyaana Qillee sababeeffachuun deeggarsa taasisan

Mudde 28/2018(ENA) - Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad hojjettoota Waajjira Ministira Muumeef ayyaana Qillee sababeeffachuun deeggarsa taasisaniiru.

Waajjirri Ministira Muummee ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaan dabarseen, gaggeessummaan imaammataa fi dhaabbilee qofaan osoo hin taanee hariiroo namummaadhaanis hojiirra oola jedheera.


 

Har'a maatiin guutuu Itiyoophiyaa ayyaana Qillee kabajuuf yeroo qophaa'anitti, Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad miseensota Mana Maree Ministirootaa waliin ta’uun hojjettoota Waajjira Ministira Muummeetti argamaniiru.

Minitirri Muummee yeroo hunda wayita ayyaanni waggaa gahu akkuma raawwatan, hojjettoota galii gadi aanaa qabani,namoota Waajjirri Ministira Muummee deeggaru, daa’imman Waajjirichi guddisuuf kennaa ayyaanaa fi maaddii qooddachuu ibsameera.


 

Kun gocha oolmaan isaan guddifamee dubbatamuufii baatus, hojjettoota biyyaaf oolmaa oolaniif beekamtii kan kennu, daa’imman abbaa fi haadha hin qabnes hawaasa keessatti bakka akka qaban kan agarsiisu ta’uu waajjirichi hubachiiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015