Tamsaasa Kallatti:

Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad ayyaana dhalachuu Iyyasuus Kiristoos ilaachisuun ergaa baga ittiin isin gahee dabarsan

Mudde 28/2018(ENA) - Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad ayyaana dhalachuu Iyyasuus Kiristoos ilaachisuun ergaa baga ittiin isin gahee dabarsaniiru.

Ergaan guutuu Ministira Muummee ayyaanicha ilaachisuun dabarsan akka armaan gadiitti dhiyaateera:

Baga guyyaa ayyaana dhalachuu Iyyasuus Kiristoosiin isin gahe!

Barana guyyaa ayyaana dhalachuu Iyyasuus Kiristoos kan kabajnu, abdiin dubbatame yerootti gahu,ifni jijjiiramaa yerootti goobantee mul’achuuf jalqabdutti,barri ce’umsaa dhiyaachuu yerootti amannu dha.

Adeemsi keenya bu’a ba’iin kan itti hedduummatau ture; rakkoolee nama kutachiisan hedduu keessummessinerra. Kana booda qormaanni deebi’ee nu hin argatu jechuu yoo baannes, jala bultii abdiin keenya yerootti firii godhatu irra geenyeerra.

Barichi gadadoo akka hin deebinetti gaggeeffamee, barri bayyanachuu akka dhufe guutummaan guutuutti itti amanuun ni dubbanna.

Dhaloonni Iyyasuus Kiristoos isa kaleessa furee boru fayyiseedha.

Addaam irraa hanga dhaloota Kiristoositti cubbuuleen hojjetaman furmaata kan argatan hundi dhaloota Kiristoosiini dha. Hojiileen dhala namaa gaarii kan ta’e erga Kiristoos dhalatee booda dha.

Kiristoos kaleessaa fi har’a gidduu ‘har’a’ ta’ee lamaan isaanii araarseera. Kanaafidha dhalachuu Iyyasuus Kiristoos ulfina olaanaan kan kabajnu.

Kiristoos osoo hin dhalanne ta’ee, raajonni raajii dubbatan, luboonni aarsaa dhiyeessan, duukaa buutonni waadaa fudhatan, dhalli namaa hundi kan abdii godhatan hojiin isaanii seenaa ta’ee hafa ture. Aarsaa kaffalee kan isaan jiraachise Kiristoosidha.

Kiristoos osoo hin dhalanne ta’ee dhalli namaa gara fuula duraatti waan raawwatu ogummaan, hojiin qulqullummaa fi hojiin gaarummaa hunduu fakkeenyummaa hin qabu ture. Kan kan qulqulleesse, buru kan fure Kiristoos isa har’a dhalate dha.

Barnoota guddaa kana yaadachuu qabna. Kaleessa seenaa guddaa hagamiyyuu yoo qabaanne,hambaa guddaa fi duudhaa guddaa yoo qabaannellee har’i keenya yoo fokkise ykn bade gatii hin qabu.

Baabiloonii fi Faarsi, Ateenaa fi Room,Sumeerii fi Meesooppootaamiyaan har’a akka durii isaaniitti ulfinaa fi cimina isaaniin hin jiran.

Isaan kaleessa qabu turani. Kan dhabani har’a dha. Har’a dhabuu isaaniin garuu kaleessi isaanii yaadannoo, boruun isaanii immoo abjuu ta’eera. Yaadannoo malee humna hin qaban.

Itiyoophiyaan biyya guddoo turte. Biyya qaroomina guddaa qabdu turte. Biyya mootummoota jajjaboo fi uummata guddaa qabdu turte. Gaaffiichi ‘har’ahoo’ isa jedhudha.

Har’a hiyyummaa, duubatti hafummaa, beelaan yoo rakkanne seenaa keenya hin furre jechuudha ykn seenaa keenya hin jiraanne jechuudha.

Kaleessa kan furu har’a dha. Kaleessi kan ilaalamuu fi kan hiikamu miira har’aatiinidha. Olka’insi har’aa kaleessa dabalatee ol nama kaasa. Salphinni har’aa immoo kaleessa dabalatee nama salphisa.

Amma dhaloonni guddummaa biyya keenyaa hubatu uumameera. Dhaloonni ulee hiyyummaa irra deddeebiin dhandhamuu, booddeetti haftummaan hanga isa gahutti argeera.

Rakkoo dogoggorri kaleessaa uume hanga gatiittiin isaa baachuu dadhabutti baateera. Hidhaan haala teessuma lafaa ija itti babaasaa, ilkaan itti qarachaa wayita dhufu dhaloota taajjabatedha.

Dhaloonni hanga rakkinicha madaaluun hubachuu danda’u qofa osoo hin taane doonii ceesisu ijaaruu danda’dha. Hanguma lakkoofsi lammiilee kufaatii kaleessaa tattaaffii har’aan injifachuun akka danda’amu hubatan dabalaa deemu gahumsi keenya egeree akka fooyya’u shakkii hin qabu.

Qajeelummaa fi raajiin raajotaa kan itti fufe Waaqni ergamootaa Kiristoos raajii isaanii raawwachuun waan dhalateefidha.

Kitaabileen raajotaa gatii kan argatan kitaabilee Wangeelaa irraa kan ka’eeni dha.

Kaleessi keenya gatii fi kabaja akka argatu yoo barbaanne, har’a cimnee haa hojjennu, yeroo keenya hedduu yaadannoo kaleessaan hanga dabarsinu qabsoo har’aa irratti haa dabarsinu, har’i keenya yoo sirrate shakkii malee kaleessi keenya kabaja barbaachisu argata.

Osoo Kiristoos dhalachuu baatee barri dhalachuu Kiristoos booda jiru bara haaraa hin ta’u ture. Egeree raaguuf daandii fooyya’aan egeree uumuu dha.

Egeree dhala namaa Kiristoositu jalqabe, kiristaanonni ammoo irra adeeman.

Namoonni har’a hojii fooyya’aa hojjetan egeree fooyyessanii uumu, namoonni har’a wanta hin taane, hamminaa fi daba hojjetan ammoo egeree kan balleessani dha.

Egereen Itiyoophiyaa hojiifi qabsoo hawwiifi fedhii har’aan qofa hin dhufu. Tokko tokko egeree Itiyoophiyaa balleessuuf hojiilee hammeenyaa kan hojjetan jiru.

Nuti garuu egeree Itiyoophiyaa sirreessuuf hojiilee egeree waliin deeman hojjechaa jira.

Egereen Itiyoophiyaa wayita hojjetamu deebiin isaa adda adda ta’uu mala.

Kan injifatan garuu cimanii warreen hojjetani dha.

Viiktar Huugoon “humni yaada yeroon isaa gahe dhaabsisuu danda’u addunyaarra hin jiru” jedhee ture. Badhaadhinni Itiyoophiyaa yaada yeroon isaa gahedha; eenyuyyuu dhaabuu hin danda’u, guddummaan Itiyoophiyaa yaada yeroon isaa gahedha; humni duubatti deebisuu danda’u hin jiru.

Nuti har’a kan dhaabbanne kaleessaa fi boru gidduudha; kaleessa hojii keenya har’aan gatii akka argatu ni goona, boru ammoo hojii keenya har’aan miidhagsinee ijaarra.

Ayyaana yaadannoo dhalachuu Kiristoos itti gaafatamummaa seena qabeessa kana yaadaa kabajna.

Itiyoophiyaan carraaqqii ijoollee isheetiin eebbifamtee kabajamtee bara baraan haa jiraattu!

Uumaan Itiyoophiyaa fi uummata ishee haa eebbisu!

Mudde 28/2018

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015