Tamsaasa Kallatti:

Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad ayyaana hundeeffama waggaa 75ffaa yunivarsiitii Finfinnee ilaachisuun waltajjii marii qophaa’e irratti waraqaa qorannoo dhiyeessaniiru. Waraqaa qorannoo erga dhiyeessanii boodas gaaffiilee hayyoonni dhiyeessaniif deebii fi ibsa yeroo kennan qabxiilee ijoo kaasan keessaa:

Mootummaan keenya seenaa irratti ejjennoo fi ilaalcha baayyee ifa ta'e qaba. Seenaa ilaalchisee ilaalchi wal-xaxaa akka kanaan duraa hin jiru.

Hayyoonni beekumsaa fi yaadni bakka biraa akka jiru yaaduutu irraa eegama; mallattoon hayyuu tokkoo of kennuudha. Guyyaa guyyaan waan haaraa waan uumuuf yeroo hunda gaafachuuf fedhii guutuu qabaachuu isa barbaachisa.

Dhaloonni amma jiru dhaloota carraa qabudha.

Hubannoon namtolchee nama hin yaaddessu; kan nama yaaddessu irriba baay’isuu dha. Hanga eegamuu hojjechuu dhiisuutu nama sodaachisa.

Yoo ariifanne, ijoollee keenya yoo qopheessine hubannoo namtolchee akkuma gitaaraa, televizhinii fi akkuma konkolaataa itti fayyadamuu dandeenya. Hubannoon namtolchee hojii nama irraa hin fudhatu; hojiilee dhalli namaa hojjechuu hin dandeenye garuu ni hojjeta.

Hayyoota hirmaachisuun dhimma filannoo osoo hin taanee kallattii tarsiimoo mootummaa keenyaati.

Mootummaa irraa hayyuun baay’ee barbaadu jiraachuu hin qabu.

Akka amantaa kootti seenaa gara duubaatti yeroon ilaalu madaalaan, har’a ciminaan, boru immoo abdiidhaan kanan ilaalu. Kutaan Itiyoophiyaa kamiyyuu roga kamiinuu isa tokko ni caala jedhee hin yaadu; namni dhuunfaa kamiyyuu nama kamiyyuu caalaa jedhee hin yaadu; garuu lammiileef carraan walqixaa argamuu qaba jedheen amana. Kanaaf, ida’amnee biyya badhaate ijaarra jedheen amana.

Itiyoophiyaanonni hundi biyya itti walqixa ta’an haa ijaarru. Kana gochuu baannaan kan yaannu galmaan gahuuf ni rakkanna.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015