Tamsaasa Kallatti:

Kalaqawwan teekinooloojiin dargaggoota rakkoo furan 

Kolleejjii Pooliiteeknikaa Jeneraal Wiingeetiitti Leenjisaa kutaa Maanufaakchariingii kan ta'an Warquu Fantaahuunii fi hiriyaan isaanii teeknooloojii indaastirii horsiisa lukkuu Itiyoophiyaa ammayyeessuu kan dandeessisu kalaqan.
Godoo horsiisa lukkuu ammayyaa (keejii) kalaquuf kan isaan kakaase horsiisa lukkuu aadaan kan jiru ture ammayyeessuuf akka ta’e ibsaniiru.
Keejiin horsiisa lukkuu ammayyaa bakka xiqqoo irratti lukkuuwwan hedduu horsiisuunii fi lukkuuwwanis qulqullinaa fi fayyummaan isaanii haala eegameen akka qabaman isaan taasisa. Kana malees killeen osoo hin cabiin akka guuramu gargaara jedhaniiru.
Gara fuula duraatti teekinooloojii kana beeksisuufi baay’inaan oomishuun gabaaf akka dhiyaatu ni ta’a jedhaniiru. 


 

Qaama miidhamtoota haala salphaan nyaachisuu fi dhangala’oo obaasuu kan dandeessisu dargaggoon roobootii kalaqe Kolleejjii Pooliteeknikaa Jeneraal Wiingeetiitti barataa eebbifamaa sadarkaa afraffaa Teeknooloojii Elektirooniksii Industirii barataa Daagim Gaarxaawu dha. 
Roobootichi tuttuqqaa namaa malee qaama miidhamtoonni haala salphaan akka itti fayyadamaniif kan kalaqamedha jedheera.
Hojiin kuni akka milkaa’uuf kollejjichi wantoota barbaachisan deeggarsa ogummaa fi kanneen biroo dhiyeessaafii turuu himeera. 
Itti aanaan diinii Tajaajila Misooma Teeknooloojii fi Industirii Kolleejjichaa Damee Marshaa walta’iinsa leenjistootaa fi leenjifamtootaan hojiiwwan kalaqaa bu’a qabeessa ta’an hojjetamaa akka jiran ibsaniiru.



Kalaqawwan teeknooloojii kolleejjicha keessatti hojjetamanii fi itti fayyadaman keessaa warshaaleen nyaata beeladootaa, godoo(keejii) lukkuu ammayyaa, maashinii pilaastika daakuu, qindeessuu fi maashiniiwwan pilaastika gara oomisha adda addaatti jijjiiruu danda’an kanneen kollejjicha keessatti kalaqaman ta’uu ibsaniiru.
Kalaqawwan teekinooloojiiwwan kanneen hawaasa biraan gahuuf qooda fudhattoota waliin walitti dhiyeenyaan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutii Leenjii Teeknikaa fi Ogummaa Fedaraalaa doktar Biruuk Kadir gama isaaniin dhaabbileen leenjii teeknikaa fi ogummaa kalaqxoota teeknooloojii fi teeknooloojiiwwan rakkoo furan horachuu ciminaan hojjechaa akka jiran ibsaniiru.



Itiyoophiyaan Oomishaalee teeknooloojii adda addaa biyya birootii galchitu,kan biyya keessaan bakka buusuuf teknooloojiiwwan rakkoo furan haaraa uumuuf hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru.
Itti dabaluunis, kalaqni teeknooloojii damee teeknikaa fi ogummaatiin kalaqaman misooma biyyattiif bu’aa jajjabeessaa fidaa jira jedhan.
Inistiitiyuutichi sagantaa gabbisa ogummaa biyyoolessaa hojiirra oolchuun, qaamolee adda addaa waliin ta’uun lammiileen kalaqa teeknooloojii irratti bobba’an akka milkaa’aniif deeggarsa gochaa akka jiru ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015