Tamsaasa Kallatti:

Godina Hararge eLixaatti Tajaajilli Tola ooltummaan Rakkoo hawaasummaa fi Diinagdee  salphisaa jira  

Mudde27/2018(ENA)–Godina Harargee Lixaatti Tajaajilli Tola ooltummaa Rakkoo hawaasummaa fi Diinagdee salphisaa jiraachuu fayyadamtoonni  tajaajilichaa  ibsan. 

Godina Harargee Lixaa  Aanaa Boolee fi Odaa Bultumitti tajaajilli tola ooltummaakutaa hawaasaa galii gad-aanaa qaban rakkoo hawaasummaa fi diinagdeesaanii salphisaafii jiraachuu  fayydamtoonni tajaajilichaa ibsan.

 Fayyadamtoonni Tajaajilichaa yaadasaanii  ENA’f kennan akka ibsanitti  deeggarsi taassifameefii rakkoo Hawaasummaasaanii hedduu salphiseera.

Aanaa Bookeetti Jiraattuun  Magaalaa Bookee Xiqqaa  Aadde warqiyyee silashii  akka jedhanitti  manni jireenyaasaanii jalaa  dulloomuu fi diigamuun  qorraa fi bokkaaf saaxilamaa akka  turan ibsuun ,kanaanis rakkoo fayyaa fi hawaasummaaf saaxilamaa akka turan yaadataniiru.

Rakkoosaanii kana tola ooltonni hubachuun manasaanii Haaromsuun rakkoosaaniirra akka isaanoolchan   ibsaniiru.  

Dabalataanis mana dulloomaa keessa ijoollee sadii waliin rakkinaan jiraachaa akka turanii fi yeroo ammaa Mannisaanii dulloome haaromfamee fayyadamoon tajaajilichaa ta’uu Aadde Feeruuzaa  Mahaammad  ibsaniiru.

Aanaa Odaa Bultumitti  Ganda Muudii Irreessaa kan jiraatan  Aadde Aayishaa Sulee  gamasaaniin  qaamoleen mootummaa  hawaasa hirmaachisuun  deeggarsa  isaaniif taassisaniin  mana haaraa kutaa lama isaaniif ijaaruu  ibsaniiru.

Itti gaafatamtuun  Waajjirri Bulchiinsaa Aanaa Bookee  Aadde Saamiyyaa Mahaammad akka jedhanitti  Aanichatti bara kana hawaasa hirmaachisuun  Ijaarsaa fi suphaa Mana harka qal’eeyyii 700 ol    hojjechuusaanii ibsaniiru.

Dabalattaanis deeggarsi Meeshaalee Barnootaa Ijoollee harka qal’eeyyiif taassifamuu  ibsaniiru.

Itti Gaafatamaan Waajjira Bulchiinsaa Aanaa Odaa Bultum Obbo Adaanaa Tsaggaa  gamasaaniin  bara baajatichaatti Mana harka qaleeyyii haaromsuu fi kan biroon hojii tajaajila tola ooltummaan  birri miiliyoona 1 tuqaa 8tti tilmaamamu  hojjechuuf karooorfamuu ibsaniiru.

Godina Harargee Lixaatti  Aanaawwan 15 fi  magaalota 5nitti  bara kana dameelee adda addaa 72n hojiin tola ooltummaa hawaasa  fayyadamaa taassisan raawwachuuf karoorfamee  hojjetamaa jiraachuu bakka bu’aan  Itti Gaafatamaa Waajjira Maallaqaa Godinichaa Obbo Jamaal Aliyyii ibsaniiru. 

Bara kana maneen Barnootaa  Haarawaa  idileen duraa  200  ol  ijaaruuf karoorfamee  sochii hanga ammaa jiruun  150 ol hojjetamuu  ibsaniiru.

Rakkoo Mana jireenyaa  harka qal’eeyyii   furuuf  maneen jireenyaa  kuma 6 fi 800  ol  tola ooltotaan ijaaramuu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015