Mootummaan ijaarsa nageenya waaraaf xiyyeeffannoon hojjechaa jira-Ministira Mahaammad Ediriis - ENA Afaan Oromoo
Mootummaan ijaarsa nageenya waaraaf xiyyeeffannoon hojjechaa jira-Ministira Mahaammad Ediriis
Muddee 27/2018 (ENA)-Mootummaan ijaarsa nageenya waaraaf xiyyeeffannoon hojjechaa jira jedhan Ministirri Nageenyaa Mahaammad Ediriis.
Mootummaan qabsoo siyaasaa karaa nagaa fi marii akka qajeelfamaatti fudhachuun badhaadhina biyyattiif karaa itti fufiinsa qabu ijaaruuf hojjechaa jiraachuu beeksisaniiru.
Ministirichi turtii ENA waliin taasisaniin, jijjiiramaa asitti mootummaan biyya keessattii fi riijinichatti nageenya waaraa buusuuf hojiiwwan bu’a qabeessa ta’an raawwachaa akka jiru ibsaniiru.
Biyyi cimaan kan ijaaramu tokkummaa ummataa fi marii hawaasaan akka ta’e ejjannoo mootummaa ta’uusaa ibsaniiru.
Rakkoolee yeroo dheeraa Itiyoophiyaa keessatti mul’atan dhaabbataadhaan furuu fi dhimmoota biyyoolessaa ijoo ta’an irratti waliigaltee biyyoolessaa uumuuf Komishiniin Marii Biyyaalessaa hundeeffamee hojii eegaluun agarsiiftuu kanaa ta’uu hubachiisaniiru.
Qaamolee jeequmsaan kaayyoo siyaasaa isaanii galmaan gahuuf ifaajaa jiraniif mootummaan irra deddeebiin waamicha nagaa dhiyeessaa jiraachuus ibsaniiru.
Haaluma kanaan naannolee adda addaatti hidhattoonni duraanii hedduun waamicha nagaa mootummaan dhiheesse fudhatanii gara jireenya nagaatti deebi'aa jiraachuus eeraniiru.
Itti dabaluudhaanis, hawaasa gidduutti walitti dhufeenya cimsuu, seenessi waloo akka ijaaramu gochuu, sirna rakkoo furuu mandhalee jiran guddisuun hojii xiyyeeffannoon hojjetamaa jiru dha jedhaniiru.
Kunis lammiileen dhimma waloo isaanii irratti hubannoo waloo akka qabaatanii fi nageenya buusuuf ga’ee isaanii akka ba’an taasisuuf kan kaayyeffate ta’uu ibsaniiru.
Ministirri kun badhaadhinaa fi misooma biyyaalessaa galmaan ga’uuf nageenyi murteessaa ta’uu ibsuun; mootummaan nagaa fi misooma fulla’aa qabu ijaaruuf xiyyeeffannoon kan itti fufu ta’uu hubachiisaniiru.