Hayyoonni gufuwwan waan Yaadan, Barreessanii fi Barsiisan akka hin jiraanne isaan dhowwu karaa qabsiisuu qabu–Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahimad - ENA Afaan Oromoo
Hayyoonni gufuwwan waan Yaadan, Barreessanii fi Barsiisan akka hin jiraanne isaan dhowwu karaa qabsiisuu qabu–Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahimad
Mudde 27/2018(ENA)-Hayyoonni gufuwwan waan Yaadan, Barreessanii fi Barsiisan akka hin jiraanne isaan dhowwu karaa qabsiisuu qabu jechuun Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad ibsan.
Garee uumuu, of tuulummaa , Anamalee kan jedhan hayyootaaf summii ta’uu dubbataniiru.
Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad Ayyaana hundeeffamaa Yunvarsiitii Finfinnee wagga 75ffaa sababeeffachuun waltajjii marii qophaa’erratti barreeffama marii dhiheessaniiru.
Ministirri Muummee ibsasaaniin Miiraan oofamuu, loogummaa, gartummaa, yaa’insa odeeffannoo fi waca oftulummaa fi anamalee kanneen jedhan gufuuwwan hayyoota keesa jiran ta’uusaa kaasaniiru.
Amaloonni kunneen gufuuwwan ta’uusaanii fi sababa kanneeniin hayyoonni kan yaadan, Kan barreessan, Kan Barsiisan jiraachuu akka hin dandeenye akka isaan taassisu ibsaniiru.
Gaafachuu jechuun barachuuf balbala banuu akka ta’e Ministirri Muummee kaasuun, hayyuun hundi amaloota Kanaan of sakata’ee sirreessuu qaba jedhaniiru.
Hayyoonni Itiyoophiyaa, hayyoota Itiyoophiyaa bara qaroominaan duraa, hayyoota Itiyoophiyaa bara qaroominaa, hayyoota Warraaqsaa, hayyoota baqattootaa fi hayyoota abdi qabeesa jechuun akka ramadaman ibsaniiru.
Isaan kana keessaa Hayyoonni warraaqsaa, Hayyoonni baqattootaa fi Hayyoonni abdii qaban waggoottan 75 darban keessa Yunvarsiitiin Finfinnee ashaaraasaani kan kaa’an ta’uu eeraniiru.