Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaan bara 2023tti fakkeenya badhaadhina Afrikaa ni taati - Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimad

Mudde 27/2018 (ENA)-Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Itiyoophiyaa bara 2023tti moodeela badhaadhina Afrikaa taasisuuf kan hojjetamaa jiraachuu beeksisaniiru.

Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad waltajjii marii waggaa 75ffaa hundeeffama Yunivarsiitii Finfinnee kabajuuf qophaa’erratti waraqaa qorannoo dhiyeessuun haasaa taasisaniiru.

Akka mootummaatti Itiyoophiyaan bara 2023tti fakkeenya badhaadhina Afrikaa ta’uu akka qabdu mul’ata keewwannee jirra; kanas guutummaan galmaan ni geenya jechuun ibsaniiru.

Akkasumas bara 2040tti immoo biyyoota addunyaaf fakkeenya ta’uu akka dandeessu akeekaniiru.

Mul’anni kun akka milkaa’u galmoota ijoo ta’an sadii akka jiran hubachiisaniiru: kabaja namummaa, olaantummaa dinagdee mirkaneessuu fi biyya Afriikaa ishee olaantummaa qabdu ta’uu akka ta’e hubachiisaniiru.

Shoora ogeessota cehaa fi walitti hidhame gumaachuuf dammaqinaan hirmaachuu, kaayyoo ofirra darbe qabaachuu akkasumas ogummaan tajaajiluu fi riqicha ta’uun barbaachisaa ta’uu cimsanii kaasaniiru.

Itti dabaluunis danqaawwan yaadaa turan irraa bilisa haa baanu, yaada haaraa uumuuf haa hojjennu, daangaa yaadaa irra darbinee waliin taanee Itiyoophiyaa badhaate haa uumnu jedhan.

Walii gallee waliin yoo dhaabbanne, waliin yoo hojjenne bu'aan galmaan gahuu dandeenyu olaanaa dha jedhan.

Gaarummaa fi sammuu gaariin waliin hojjechuun Itiyoophiyaa gara badhaadhinaatti ceesifna jedhaniiru doktar Abiyyi Ahimad.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015