Tamsaasa Kallatti:

Aadaa wal gargaarsaa fi wal deeggarsaa guddisuun ni barbaachisa-Kantiibaa Adaanech Abeebee

Mudde 27/2018(ENA)-Aadaa wal gargaarsaa fi wal deeggarsaa dandeettii ofiin taasifamu guddisuun akka barbaachisu Kantiibaa Adaanech Abeebee ibsan.

Kantiibaa Adaanech Abeebee ayyaana qillee sababeeffachuun jiraattota kutaa magaalaa hundarraa walitti dhufanii fi rakkoolee hawaasummaa garagaraa keessa jiraniif maaddii qoodaniiru.

Ayyaanichi jaalallii fi waliif yaaduun kan itti ibsamu ta’uusaa kantiibaa Adaanech eeranii, kennaan ayyaanaa bulchiinsi magaalichaa har’a gumaache jaalala jiraattotaaf qabu qabatamaa kan itti agarsiise taa’uu dubbataniiru.

Sadarkaa magaalaatti lammiilee human hin qabne kuma 300 oliif maaddiin qoodamuu eeraniiru.

Dureeyyotaa fi dargaggootaa duudhaan waldeeggaruu fi waloomaa magaalichatti caalaatti akka cimu gochaa jiran magaa bulchiinsa Finfinneetiin galateeffataniiru.

Rakkoo yeroof mudate keessa cehuuf aadaa human ofiitiin walgargaaruu fi wal deeggaruu gabbisuun akka barbaachisu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015