Naannoo Gaambeellaatti hojiin kunuunsa qabeenya uumamaa lafa heektaara kuma 64 ol ta’u irratti ni hojjetama - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Gaambeellaatti hojiin kunuunsa qabeenya uumamaa lafa heektaara kuma 64 ol ta’u irratti ni hojjetama
Muddee 27/2018 (ENA)-Biiroon Qonnaa Naannoo Gaambeellaa bara kana lafa heektaara kuma 64 ol ta’u irratti kunuunsi biyyee fi bishaanii akka hojjetamu beeksise.
Daarektarri Misooma fi Kunuunsa Qabeenya Uumamaa Biirichaa obbo Keet Chool Daak ENAtti akka himanitti, yeroo ammaa kunuunsi qabeenya uumamaa aanaalee adda addaa keessatti hojjetamaa jira.
Kunuunsi qabeenya uumamaa kun bishaan kuufamaa adda addaa 101 hojii kanaaf adda baafaman keessatti kan hojjetamu akka ta’es ibsaniiru.
Hojii kunuunsa biyyee fi bishaanii kanarratti namoonni kuma 75 akka hirmaatan eeruun, yeroo ammaa kanatti tokkoon tokkoon bishaan kuufamaa irratti ogeeyyiin qonnaa argamuun gargaarsa ogummaa kennaa akka jiran ibsaniiru.
Akka naannichatti bishaan kuufamaa 168 kan jiran yoo ta’u, isaan keessaa gara 50 kan ta’an misoomatti galuu himuun, kanneen hafan keessatti kunuunsii fi misoomni qabeenya uumamaa hojjetamaa akka jiru eeraniiru.
Itti dabaluunis hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii bara kanaa osoo hin jalqabiin dura leenjiin, suulullii fi meeshaaleen adda baafamuu dubbataniiru.
Waggoota darban keessatti hojii kunuunsa biyyee fi bishaanii hojjatamaa tureen oomishnii fi oomishtummaan akka dabale eeruun, kanaanis fayyadamummaan diinagdee qonnaan bultootaa akka dabale hubachiisaniiru.
Akkasumas, dhiqannaa biyyee hir’achuu fi lafti gogaa ta’e misoomuu isaa beeksiseera.
Hojiiwwan kunuunsa qabeenya uumamaa kan waloo waan ta’eef hawaasni hojii kunuunsa biyyee fi bishaanii yeroo ammaa hojjetamaa jiru irratti dammaqinaan akka hirmaatu waamicha dhiyeessaniiru.