Hojiiwwan bu’uuraa sadii dhaabbilee Barnootaa olaanoon irraa ni eegama-Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahimad - ENA Afaan Oromoo
Hojiiwwan bu’uuraa sadii dhaabbilee Barnootaa olaanoon irraa ni eegama-Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahimad
Mudde27/2018(ENA) – Hojiiwwan bu’uuraa sadii dhaabbiilee Barnootaa olaanoo hunda irraa akka eegamu Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad hubachiisan.
Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad Ayyaana hundeeffamaa Yunvarsiitii Finfinnee waggaa 75ffaa sababeeffachuun waltajjii marii qophaa’erratti barreeffama marii dhiheessaniiru.
Wayita sana Dhaabbiileen Barnootaa Olaanooon Baruu fi barsiisuu, Qorachuu fi qo’achuu akkasumas saffisuu fi hojiirra oolchuu kan jedhaman hojiiwwan bu’uuraa sadan akka isaan irraa eegamu hubachiisaniiru.
Gama biroon hojiiwwan Cabinsa Yaadaa, Dhaabbataa fi Aadaa qormaata biyyaa ta’uusaanii hubachiisaniiru.
Idi’amni cabinsa kanaas sadarkaa biyyaatti kufaatii akka hordofsiisu xiyyeeffannoon ibsaniiru.
Bara amma keessa jirru carraa fi qormaanni jiru kan jedhan Ministirri Muummee Doktar Abiyyi dhugaa waloo uumuu dhabuun, malli Qonna keenyaa boodatti hafaa ta’uu, garaagarummaa fi walitti bu’insa keessaa bahuu dadhabuu akkasumas Ilaalcha naannummaa keessaa bahuu dadhabuun rakkoolee cehuu dadhabne ta’uu ibsaniiru.
Isaan kana keessaa bahuuf Mul’ata biyyoolessaa ce’aa, adeemsa jijjiiramaa hojiin mul’atu, dandeettii fi human jijjiiramaa qindaa ‘aa nu barbaachisa jechuun ibsaniiru.
Mul’ata biyyoolessaa ce’aa yeroo jedhamu kaleessarraa barachuuu, Wareegamaaf qophaa’uu fi dhalootaaf hojjechuu ta’uu hubachiisaniiru.