Tamsaasa Kallatti:

Sirni Gurgutaan Dijiitaalaa sochii daldalaa ariifachiisaa jira

Mudde26/2018(ENA)– Sirna gurguraa dijiitaalaa Itiyoophiyaatti guddachaa dhufeen sochii daldala ariifachiisuurra darbee  faayidaa hedduu argamsiisaa jiraachuu  jiraattonni magaalaa Finfinnee ENA’f yaada kennen ibsan.

Jiraattonni kun gabaa Ayyaana Qillee fi Ximqataa  tajaajila Teelee birrini fi Mobaayil Baankiin fayydamuun bu’aa bahii tokko malee  raawwachuuf qopha’uusaanii  ibsaniiru.

 Jiraattota yaadasaanii ENA’f kennan keessaa obbo gazaahanyi Makaashaa akka ibsanitti  sirni gurgurtaa Dijiitaalaa haala mijataa uumeen  kaffaltii kamiyyuu  teelee birri fi  mobaayil Baankingiin  akka raawwatan ibsaniiru.

Kunis yeroo fi humna qusachuurradarbee,maallaqa socho’aa qabachuun  sodaa isaan mudatuu fi burjaajjessitootarraa of eeguu akka  isaan gargaare ibsaniiru.

Haata’u malee ayyanota dhufaniif  waantota bitan  dijiitaalaan fayyadamuuf qophaa’uusaanii dubbataniiru.

Dabalataanis Doktar Saaron Siisay akka  jedhanitti  tajaajilli  kaffaltiiwwanii  ammaan dura turan  deddeebbiin kan guutaman yeroo  sirnaan fayyadamuuf kan hin mijanne  akka turan ibsaniiru.  

Amma garuu tajaajilli kaffaltii hundi dijiitaalaan raawwatamuun   haala hunda kan salphise ta’uu  ibsaniiru.

Guddina Ariifataa Itiyoophiyaan  eegalte  ittifufsiisuuf  Addunyaa dijiitaalaatti makamuunshee kan isaan gammachiise ta’uu  barsiituu Fireehiwoot Lammaa  ibsaniiru.

Ofiisarri olaanaan Biizinasiimanii   Itiyoo teeleekoom  Obbo Buruuk Adaanaa  dhaabbatichi Mul’ata Dijiitaala Itiyoophiyaa  dhugoomsuuf  ciminaan hojjechaa jiraachuu  ibsaniiru.

 Waggoottan Afran darban  kaffaltiiwwan dijiitaalaa  miiliyoona 57 ol ta’an  gama maamiltootaan gurgurtaan  birriii tiriiliyoona 6  ol   raawwatameera. 

Ayyana Qillee fi Ximqataa dhufutti    gurgurtaa  dijiitaala maamiltootaa raawwatamuun maamiltoo  addan citinsa tokko malee akka raawwataniif  haaldureen qohii taassifamuu  mirkneessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015