Ayyaanni bara haaraa Halaabaa ‘Mangasaan’ ayyaana agarsiiftuu waloomaati - ENA Afaan Oromoo
Ayyaanni bara haaraa Halaabaa ‘Mangasaan’ ayyaana agarsiiftuu waloomaati
Mudde 26/2018(ENA) - Ayyaanni bara haaraa Halaabaa ‘Mangasaan’ ayyaana agarsiiftuu waloomaati jedhan sadarkaa itti aanaa pireesidantiitti Qindeessaan Kilaastara Misooma Bu’uuraalee misoomaa Naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaa fi Hogganaan Biiroo Misooma Geejjibaa fi Daandii, doktar Mohaammad Nuurieyee.
Ayyaanni bara haaraa Halaabaa Mangasaan’ "Aadaan keenya agarsiiftuu dandeettii waldanda'uun dagaaguu keenyaati" mata duree jedhuun sirnoota adda adaan kabajamaa jira.
Doktar Mohaammad Nuuriyyee akka jedhanitti ayyaanni Mangasaa uummata Halaabaa biratti barri moofaan dhumee barri haaraan kan baatii Muddee dhuma kabajamu dha. Ayyaanni kuni qonnan bultoonni oomisha isaanii gahe yerootti sassaabbatanii qonna gara fuula duraaf immoo kan itti qophaa’an ta’uus ibsaniiru.
Itti dabaluunis yeroon kuni yerootti dargaggoonni fuudha gahan kan itti bultii dhaabbatan ta’uu himaniiru.
Af-yaa’iin Mana Maree godina Halabaa obbo Mohaammad Amiin Mahidi gama isaaniitiin ayyaanichi gamtaa, wal-hubannaa fi tumsa waliinii cimsuu keessatti gahee olaanaa qaba jedhan.
Ayyaana kana irratti kan argaman Bulchaan Olaanaa godina Haadiyaa obbo Maatiwoos Aniyoo akka jedhanitti, ayyaanni "Mangasaa" kan jijjiirama bara haaraa Halabaa ta'e, ayyaana tumsa waliinii mul'isu waan ta'eef akka muuxannootti kan irraa qoodatamu dha qaba jedhan. Aadaa tokkummaa fi jaalala ibsu kanas itti fufsiisuu qabna jedhaniiru.
Ayyaana kana irratti kan hirmaatan Aadde Immabeet Jamaal "Mangasaan" tokkummaa cimsuun nagaa fi misooma mirkaneessuuf gargaara jedhan.
Ayyaana kana namoota biroo waliin gamtaan kabajuun duudhaalee obbolummaa cimsuuf carraaqqii biyyoolessaa cimsa jedhaniiru.
Sirnicharratti hoggantoonni olaanoo naannichaa, godinaalee Halabaa fi Haadiyaa, maanguddoonni aadaa fi keessummoonni affeeraman biroo argamaniiru.